bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Deuteronomy 23
Deuteronomy 23
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 24 →
1
Nami nafa hilaa tumame yookiin nami yakkatame wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin.
2
Nami baanaa dhalate, sanyiin isaalle, haga dhaloota kudhaniituu wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin.
3
Amoonoti yookiin Mo'aaboti, sanyii isaanii keessalle'ee nami tokkolle haga dhaloota kudhaniituu wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin.
4
Sababille isaan yennaa isin biyya Gibxi'ii keessaa baatane, midhaanii fi bisaan karaa irratti isinii hin dhikeessine. Ilmi Be'orii Bala'aam akka isin abaaruuf qachaa Mesophotaamiya'aa Phetor keessaa isinitti bitame.
5
Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti waan si jaalateef, Bala'aamiif hin dhageenne; inni abaarsa isaa san gara eebbaa isinii jijjiire.
6
Bara jiruu teetii mara nageyaa fi qananummaa, isaaniif hin halchin.
7
Worri Edoomii fira keeti waan te'aneef, isaan hin jibbin. Biyya Gibxi'ii keessatti alagaa teetee waan leeteef, worra Gibxi'ii hin jibbin.
8
Sanyiin isaanii dhalooti sadeesso'oo wolde'a Mootii Waan Maraatitti dabalantuu ti.
9
Diina keeti loliisaaf addee quttumaa keessa yennaa jirtu, waan battii mara irraa ifi eegadhu.
10
Isin keessaa nama tokko halkan nafa hilaa isaa keessaa yoo woy dhangala'e, addee quttumaa san keessaa bayee achi turuu ti.
11
Gara galgalaa nafa ifii dhiqatee, yennaa aduun seentu gara addee quttumaa deebi'uu ti.
12
Addee faalowaa, addee quttumaatiin alatti qopheeffadhu.
13
Yennaa faalottu, boolla ittiin qottee faalowa keetitti biyyee akka ittiin deebittu, meya keeti woliin qottoo qabadhu.
14
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, si eegiisaa fi diinota keeti harka keetitti dabarsee kenniisaaf, addee quttuma loltoota teetii keessa waan deddeebi'uuf, waan battii odduu teetitti dhaggee si irraa akka hin deebine, addee quttumaa teeti woyyoonsi.
15
Garbichi tokko goottaa ifii duraa gara keeti yoo baqate, goottaa isaatitti deebittee isa hin kennin.
16
Inni qachoota keeti keessaa ka filate keessa si woliin le'uu ti malee, isa hin rakkisin.
17
Israa'eloota keessaa dubartiin yookiin dhiirti tokkolle worra galma waaqa dharaa keessatti sagaagalu hin te'in.
18
Mootiin Waan Maraa worra galma waaqa dharaa keessatti sagaagalu waan jibbuuf, beesee waan kana irraa dhaggante, kennansa waadaa galane tokkolle muummessiisaaf, gara Galma Mootii Waan Maraa Waaqa keetii hin fidin.
19
Obboleessa keeti Israa'elichaaf beesee yookiin sagalee yookiin waan dhibiille dhalaan hin liqeessin.
20
Ormaaf dhalaan liqeessuu hin dandeetta. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati dhaaltu keessatti, waan ati hujju maraan akka si eebbisuuf, obboleessa keetiif dhalaan hin liqeessin.
21
Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif waadaa yoo galte, inni dhugumaan si irraa waan barbaaduuf, cubbuu akka sitti hin teene, kenniisaaf hin turin.
22
Yoo waadaa galuu dhadde ammoo, cubbuu sitti hin teetu.
23
Te'uu malee, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif fedha keetiin waadaa waan galteef, waan afaan keetiin dubbatte muummessiisaaf ifi eeggadhu.
24
Oorruu woynii nama tokkoo keessa yennaa dabartu, haga feete nyaadhu malee, midhaan woyni'ii tokkolle subba keeti keessa hin keyatin.
25
Fichaa nama tokkoo keessa yennaa dabartu, midhaan irraa saxii nyaadhu malee, haantu'uun hin haammatin.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34