bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Deuteronomy 25
Deuteronomy 25
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 26 →
1
Namooti lama wol dhabanee gara kora mura'aa yoo dhufane, abbootiin mura'aa ka yakkaa hin qanne gad lakkisanee, yakkaamessatti muranuu ti.
2
Achiin duuba nami yakkaamessi sun ka dhaanamu'uu male yoo te'e, abbaan mura'aa lafatti isa irkisuu ti; laakkossi dhaanamiisa isaa akka yakkaa isaatitti addee abbaan mura'aa jirutti te'uu ti.
3
Te'uu malee, laakkossi dhaanamiisa isaa afurtama hin caalin. Afurtama caalaa yoo dhaaname, obboleessi keeti si duratti hin salphata.
4
Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin.
5
Obboleeyyan woliin le'anu keessaa tokkochi ilma adoo hin uumatin yoo du'e, niitiin nama du'ee sun maatii san keessaa baatee orma hin heerumin. Obboleessi dhirsa isi'ii, isii dhaalee woliin le'uu ti.
6
Maqaan obboleessa du'ee Israa'el keessaa akka hin banne, ilmi angafi isiin deettu maqaa obboleessa du'e saniitiin waamamuu ti.
7
Obboleessi nama du'e sanii yoo isii fuudhiisaaf fedha hin qabaatin, isiin jaarsolee qacha'aa dura dhaxxee, «Wosoon kiyya, maqaan obboleessa isaa Israa'el keessatti akka waamamu hin barbaanne. Inni na dhaaluu didate» jettuu ti.
8
Achiin duuba jaarsolee qachaa sanii isa waamanee, isa dubbisanuu ti. Inni, «Ani isii fuudhiisaaf hin fedhu» jedhee yoo dide,
9
isiin jaarsolee qacha'aa duratti gara isaa dhikaattee, miila isaa tokkocha irraa kophee mulqitee, fuula isaatitti tuttee, «Kun waan nama obboleessa ifiitiif sanyii dabarsiisa didu irratti godhamu» jettuu ti.
10
Biyya Israa'elii keessatti maatiin isaa, «Maatii nama kopheen irraa mulqantee» jedhamanee hin beekkaman.
11
Nami lama yennaa wol lole, niitiin namicha tokkochaa, dhirsa ifiitii rogiisaaf, nama dhirsa isi'ii dhaanu san nafa isaa ka hilaa yoo qadde,
12
marartii malee harka isi'ii irraa kuti.
13
Subba keeti keessaa dhakaa madaalli'ii gosa lama diqqa'aa fi guddaa hin qabaatin.
14
Mana keeti keessalle'ee meya ittiin safaranu gosa lama gudda'aa fi diqqaa hin qabaatin.
15
Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessa bara dheeraa akka leetuuf, madaalli'ii fi meya ittiin safaranu ka sirrii te'ee fi addatamaa qabaadhu.
16
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti worra waan akkasii godhu mara ka addatamummaa malee waan akkasii huju mara hin jibba.
17
Yennaa ati biyya Gibxi'iitii baate, waan worri Amaaleqii si godhe qaabadhu.
18
Yennaa ati karaa irratti dadhaddee gaggadde, worra dadhabee duubatti hafe mara ijjeesane. Isaan Waaqalle hin sodaanne.
19
Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa sii kennu keessatti, diinota adaala keetii mara irraa yennaa si foorfachiisu, yaadannoo Amaaleqootaa ta isaan lafa irraa qabanu mara balleessi. Ijjumaa hin dedhin.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34