bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Deuteronomy 6
Deuteronomy 6
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 7 →
1
Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa dhaaltanu keessatti akka eegattanu ajaji, seeratii fi seerri Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, akka ani isin barsiisuuf na ajaje kana.
2
Kunille isin bara jiruu teessanii seerata isaatii fi ajaja isaa mara ka ani isin, ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii ajaju eegatiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka sodaatanuuf barri keessanille akka isinii dheeratuuf ka kennamane.
3
Ee, Israa'elii, akka sii toltuuf, akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teetii waadaa sii gale lafa aananii fi dammaa keessatti akka hortee bacattu ifi eegadhuutii ajajami.
4
Ee, Israa'el dhage'i! Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna Waaqa tokkocha.
5
Mootii Waan Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'ii fi hunna teeti maraan jaaladhu.
6
Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin.
7
Ajajoota kana irra deddeebi'iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu.
8
Beessisa akka sii te'uuf harka keeti irratti hidhadhu; adda keeti irralle'etti hidhadhu.
9
Mikikkila balbala mana keetiitii fi seensuma karra teetii irratti barreessi.
10
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti abbootii teeti ta durii Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif akkuma waadaa galetti, lafa qachoota gugurdaa ati hin ijaarin mimmidhaagaa qaddutti yennaa si galchu,
11
mama meya dadansa'aan guutame ka ati itti hin guutin, boolla bisaanii ta ati hin qotin yennaa dhaggattu, woyni'ii fi muka ejersaa ka hin dhaabin nyaattee yennaa quuttu,
12
Mootii Waan Maraa ka garbummaa biyya Gibxi'ii keessaa si baase akka hin deene ifi eegadhu.
13
Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaadhu; isa qofa tajaajili; kakuun teeti maqaa isaatiin teetuu ti.
14
Waaqota dhibii ka gosa adda addaa hin waaqonfatin.
15
Mootiin Waan Maraa ka isin woliin jiru Waaqa hinaatticha waan te'eef, aariin isaa siirratti bobeettee, lafa irraa si hin balleessa.
16
Addee «Maasaa» jedhantutti akkuma gootane, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan haga hin ilaalina'a.
17
Ajaja, seerataa fi seera Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje miidhassa'aa eegadha'a.
18
Akka sii toltu, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teeti ta duriitiif kenniisaaf kaku'uun waadaa gale akka dhaaltuuf, Mootii Waan Maraa duratti waan qajeelaa te'ee fi waan dansaa te'e huji.
19
Akka Mootiin Waan Maraa jedhe diinota keeti ifi duraa hin ariita.
20
Gara duraa yennaa ilmi keeti, «Hiikkaan qajeelfama, seerataa fi seera Mootiin Waan Maraa Waaqi kenna si ajajee maan?» jedhee yoo si gaafate,
21
ati ilma keetiin, «Dur nuuti garboolee mooticha Gibxi'ii ti; Mootiin Waan Maraa ammoo hunna ifii guddo'oon biyya Gibxi'ii keessaa nu baase.
22
Ila teennaan adoo nu dhagginuu Mootiin Waan Maraa bilbaasota, maadee gugurdo'oo fi waan nama bararassu worra Gibxi'ii irratti, mooticha biyya Gibxi'iitii fi maatii isaa irratti hujeera.
23
Inni ammoo achii nu baasee lafa abbootii teennaa kenniisaaf kaku'uu waadaa gale, nuu kenniisaaf as nu fide.
24
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna yennaa mara akka nuu toltuuf, akkuma adhaa kana jiru'uun akka nu eeguuf, nuutille akka isa sodaannuuf, seerata isaa kana akka eeganu, Mootiin Waan Maraa nu ajaje.
25
Nuutille akkuma inni nu ajaje Mootii Waan Maraa Waaqa keenna duratti ajaja isaa kana mara yoo eeganne balchummaa nuu teeti» hin jetta.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34