bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Deuteronomy 30
Deuteronomy 30
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 31 →
1
«Eebbaa fi abaarsi ani adha isin dura keye kun martinuu yennaa isin dhaqqabe, isin addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan gosa biyya adda addaa mara odduu isin bittinneessetti deebitanee yennaa waan kana qaabattane,
2
isinii fi sanyiin teessan gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebitanee, akkuma ani adha isin ajajetti, gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin isaaf yoo ajajantane,
3
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan boojuu teessan hin deebisa; isiniif hin marara; addee isin itti bittinneesse gosa biyya adda addaa keessaa, deebisee wolitti isin hin qaba.
4
Haga qaccee biyya lafaatitti bittinnoottanulle, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan wolitti isin qabee deebisee isin hin fida.
5
Inni gara lafa abbootiin teessan qabatte san isin hin fida; isinille isii san hin qabattan. Inni abbootii teessan caalaa isin qananoonsee, laakkossa keessanille hin baceessa.
6
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin isa jaalatanee leetanu, qalbii teessanii fi qalbii ijoollee teessanii haqanqabaa hin qaba.
7
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan abaarsa kana mara diinota keessan worra isin jibbuu fi worra isin miidhu irratti hin fida.
8
Isin deebitanee isaaf hin ajajantan; ajaja ani adha isin ajaju mara hin eegattan.
9
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan isin hujjanu maraan, ijoolle'een, hortee horii keessaniitii fi midhaan ficha'aatiin isin hin duroonsa. Inni abbootii teessan duroonsiisaan akkuma gammade, isinille duroonsiisaan hin gammada.
10
Tun yoo isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantanee, ajajaa fi seerata kitaaba kana keessatti barreeffame mara eegatiisaan, gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebitane teeti.
11
«Ajaji ani adha isin ajaju kun guddoo ka isin rakkisuu moti yookiin ka isin irraa fagoo jiruu moti.
12
Isin, ‹Akka nuuti dhageennee ajajannuuf, eentu ol-gubbaa bayee fidee nutti hima?› akka hin jenne ol-gubbaa hin jiru.
13
Isin, ‹Akka nuuti dhageennee ajajannuufille, eentu abbaayaa gamatti bu'ee fidee nutti hima?› akka hin jenne ajaji kun abbaaya'aan gama hin jiru.
14
Garuu jechi isinuma bira jira; akka isin ajajantanuufille afaanii fi gadhaa keessan keessa jira.
15
Kunoo, ani adha jiru'uu fi qananummaa, du'aa fi badii isin dura keyeera.
16
Akka isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaalatanu, karaa isaa irra akka ideentanu, ajaja isaa, seerata fi seera isaalle akka eegattanu, ani isin ajaja; achiin duuba jiru'uun hin leetan; hin hortan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa isin itti galtanee qabattanu keessatti isin hin eebbisa.
17
Gadhaan keessan isa irraa deebi'ee, isaaf ajajamiisa diddanee, waaqota dhibii sagadiisaaf sobantanee yoo isaan waaqonfatane ammoo,
18
dhuguma akka isin baddanu ani adha isinitti hima; laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabattanu san keessa bara dheeraa hin leetanu.
19
Ani adha jiru'uu fi du'a, eebbaa fi abaarsa isin dura akka keye ol-gubba'aa fi lafa waamee isin irratti dhugaa akka bayanu hin godha. Tanaaf Isinii fi sanyiin teessan akka leetanu jiruu filadha'a.
20
Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaaladha'a; isaaf ajajama'a; isatti maxxana'a; inni jiruu teessan waan te'eef, lafa abbootii teessan ta durii Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf kakate san keessatti bara dheeraa isiniif hin kenna» jedhe.
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 31 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34