bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Exodus 1
Exodus 1
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 2 →
1
Ilmaan Yaaqoobii ka «Israa'el» jedhamane, worri maatii ifii woliin gara biyya Gibxi'ii deemane maqaan isaanii asii gad jira:
2
Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa,
3
Yisaakor, Zebuloon, Beniyaamin,
4
Daan, Niftaalem, Gaadi fi Asheer fa'a.
5
Laakkossi sanyii Yaaqoobii wolumatti torbaatama; ilmi isaa Yoseef isaaniin duraayyuu biyya Gibxi'ii keessa jira.
6
Barri isaanii geennaan Yoseef, obboleeyyan isaatii fi dhalooti sun marti du'ane.
7
Sanyiin Israa'elii ka achitti hafane ammoo horanee guddoo bacatanee, lafa Gibxi'ii guutane.
8
Achiin duuba mootiin haarenni ka marroo Yoseefii hin beenne biyya Gibxi'ii irratti mootii te'e.
9
Inni kolbaa ifiitiin, «Kunoo, Israa'elooti guddoo bacatanee nu caaliisatti jiran.
10
Laakkossi isaanii akka hin bacanne, lolli yoo ka'e diina keenna woliin nu lolanee biyyaa akka hin baane godhiisaaf kowa'a mala itti dhoonna» jedhe.
11
Tanaaf worri Gibxi'ii kolbaa Israa'elii cunqursiisaaf, worra hujii hunnaa isaan hujisiisu itti filane. Israa'elooti qachaa woy itti kuufatanu Fiitoomii fi Raamses mooticha Fara'ooniif ijaarane.
12
Te'uu malee akkuma worri Gibxi'ii irra caalaa Israa'eloota cunqursuun isaanille irra caalaa bacatanee lafa guutane; tanaaf, worri Gibxi'ii akka malee Israa'eloota sodaatane.
13
Worri Gibxi'ii Israa'elootatti gadhaa jabaatanee akka garbaatitti hujii hunnaa hujisiifatane.
14
Hujii jajjadduu faara loobiisaatii fi simintoo hujiisaatiin, hujii adda addaa ta fichaa keessaatiin, hujii hunnaa jajjadduu ifii mara gadhaa itti jabaatanee hujisiisanee jireenna itti hadheessane.
15
Achiin duuba mootiin Gibxi'ii worra dubartoota Ibrootaa deeysiisanu, ka, «Siifraa fi Phuwaa» jedhamanuun,
16
«Yennaa dubartoota Ibroota deeysiittanu annuun dhalatu dhiira yoo te'e yennuma san ijjeesa'a, durra yoo teete ammoo hin ijjeesina'a» jedhe.
17
Deeysiittooti sun ammoo Waaqa waan sodaataneef, akka mootiin Gibxi'ii isaan ajaje san hin goone; annoolee dhiiraalle hin ijjeenne.
18
Maarre Mootiin Gibxi'ii deeysiittoota san waamee, «Maaf akkas gootane? Annoolee dhiiraa maaf ijjeesuu dhaddane?» jedhee gaafate.
19
Isaanille deebisanee, «Dubartooti worra Ibrootaa akka dubartoota worra Gibxi'iitii moti; isaan jajjaba waan te'aneef, adoo deeysiittooti isaan bira hin geyin deyan» jedhane.
20
Maarre Waaqi deeysiittoota saniif waan dansaa godhe; kolbaan Israa'eliille irra caalaa bacatte.
21
Worri deeysiittootaa sun Waaqa waan sodaataneef, tokko tokkoo isaaniitiif maatii kenne.
22
Achiin duuba mootichi, «Ijoollee dhiiraa ta Ibrootaa ta dhalattu mara fuudha'aatii laga Nayiliititti gata'a, ijoollee durraa ta dhalattu ammoo hin gatina'a» jedhee kolbaa ifii mara ajaje.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40