bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Exodus 35
Exodus 35
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 36 →
1
Muuseen wolde'a gumii Israa'elii mara wolitti qabee, isaaniin, «Wonni akka isin gootanuuf Mootiin Waan Maraa isin ajaje ta asii gad jirtu:
2
Guyyaan jaa guyyaa huji'ii ti; guyyaan torbeesso'oo ammoo Sanbata woyyicha ka ana Mootii Waan Maraatiif itti foorfattanu. Nami guyyaa Sanbataa hujii huje marti ijjeefamuu ti.
3
Guyyaa Sanbataa mana keessanitti ibiddalle hin gabbifatina'a» jedhe.
4
Muuseen kolbaa Israa'elii maraan «Wonni Mootiin Waan Maraa isin ajaje asii gad jirti:
5
Isin waan qaddanu keessaa ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessa'a! Nami kennansa kenniisaaf fedhu, kennansa worqi'ii, ka meeti'iitii fi sageettu'uu dhikeessuu ti.
6
Woyaa bifa cuquliisaa, woyaa bifa dhiille'eetii fi woyaa bifa liilana diima'aa, woyaa quncee talba'aa, woyaa rifeensa re'e'ee,
7
gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame, gogaa hoolee galaanaa, muka gololchaa,
8
zayitii ejersaa ta ifaaf teetu, uddowaa zayitii ejersaa ta dibatanutti naqanu, hixaana foolee dansa'aa,
9
dhakaa gatii guddo'ootii fi dooqa adda addaa ka woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi kiisii qomaatitti naqanu dhikeessuu ti.
10
«Isin keessaa worri ogummaa qabu marti dhufee waan Mootiin Waan Maraa ajaje mara hujuu ti:
11
Dunkaanii Woyyittii, irbuusa isi'ii ka jala aanuu fi ka gubbaa aanu, hookkota isi'ii, danqaraa isi'ii, mikikkiloota isi'ii, utuboota isi'iitii fi shafee utuboota isi'ii,
12
Saanduqa Gondooro'oo utuboota isi'ii woliin, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamuu fi gollaa isaa,
13
xarapheessaa, danqaraa isaatii fi meya isaa mara woliin, daabboo na dura dhikaattulle,
14
issa'aafille waan issaa irra keyanu meya isi'ii woliin, issa'aa fi zayitii ejersaa ta ifaaf teetu,
15
addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamu danqaraa isi'ii woliin, zayitii muudaatii fi hixaana uddowu, gollaa karaa balbala seensuma Dunkaanii Woyyitti'ii,
16
addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu, waan akka meemme'ee ka sageettuu irraa hujame ka cilee kiphee daadhaa gad harcaasu ka isi'ii woliin, danqaraa isi'ii meya isaa mara woliin, qorii itti dhiqatanu ta sageettuu irraa hujante shafee isi'ii woliin;
17
gollaa badhinna dalleya keessaa utuboota isaatii fi shafee utubootaa woliin, gollaa seensuma gara badhinna sanii;
18
chikaalota Dunkaani'ii, chikaalota badhinna dalleya keessaa saniitii fi wodaroota isaanii;
19
woyaa kuulante woyyittii ta Aaroniin hayyichii fi ilmaan isaa addee woyyittii keessa yennaa hayyumma'aan tajaajilanu uffatanu hujanuu ti» jedhe.
20
Achiin duuba kolbaan Israa'elii marti Muusee biraa ka'anee deemane.
21
Nami kennansa kenniisaaf fedhee, gadhaan isaa isa kakkaase, dhufee hujii Dunkaanii Woldeenna'aatiif, tajaajila isi'ii maraaf, woyaa hayyootaatiifille kennansa Mootii Waan Maraatiif fidane.
22
Worri fedhii qabu marti dhiirtii fi dubartiille dhufanee faaya worqi'ii ka adda addaa: dirata, qubee gurraa, qubee qubaatii fi seesa adda addaa mara kennane. Isaan martinuu kennansa addaa worqii ifii Mootii Waan Maraatiif fidane.
23
Worri woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, liilana diimaa, woyaa rifeensa re'e'ee, woyaa quncee talba'aa dansaa, gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame qabu marti fide.
24
Nami meetii yookiin sageettuu qabu marti Mootii Waan Maraatiif kenne; nami muka gololchaa qabulle hujii adda addaatiif ka te'u fide.
25
Dubartooti ogummaa qabanu marti woyaa bifa cuquliisaa, bifa dhiille'ee, liilana diimaa yookiin woyaa quncee talba'aa dansaa, waan harka ifiitiin suqane mara fidane.
26
Dubartooti huji'iif fedhii qabaatanee ogummaa qabanu marti rifeensa re'e'ee suqane.
27
Sooressitooti dhakaa gatii guddo'ootii fi dooqa adda addaa ka woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi kiisii qomaatitti naqanu fidane.
28
Akkasuma isaan uddowaa, zayitii ejersaa ta ifaaf teetuu fi ta muudaaf teetu, hixaana foolee dansa'aalle fidane.
29
Kolbaan Israa'elii marti dhiirtii fi dubartooti, hujii Mootiin Waan Maraa akka isaan hujanuuf karaa Muuse'eetiin isaan ajaje maraaf, kennansa fedhii ifii Mootii Waan Maraatiif fidane.
30
Achiin duuba Muuseen Israa'elootaan, «Kunoo, Mootiin Waan Maraa gosa Yihuda'aa keessaa akaakoo Huurii, ilma Urii Bazaali'el filateera;
31
ogumma'aan, dandeetti'ii fi beekkumsaan, ogummaa hujii harkaa ta adda addaalle akka huju ayyaana ifiitiin isa guuteera.
32
Inni akka itti worqii, meeti'ii fi sageettuu hujanu karoora baasa.
33
Inni dhakaa dhodhoosee qiriixee, mukalle bocee xabbee, hujii harkaa mara hin huja.
34
Mootiin Waan Maraa innii fi ilmi Ahisamaakii Aholiiyaab ka gosa Daanii, worra kaan akka barsiisanu isaan lamaaniifuu dandeettii kenneera.
35
Isaan ogeeyyii hujii harkaa, worra karoora baasu, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aatiin worra kuuluu fi worra woyaa dhowu, ogeeyyii waan maraatii fi worra karoora baasu te'anee hujii adda addaa akka hujanu inni ogumma'aan isaan guuteera.
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 36 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40