bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Exodus 20
Exodus 20
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 21 →
1
Waaqi jechoota asii gad jiru kana mara dubbate:
2
«Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti, ka lafa garbumma'aa, biyya Gibxi'ii keessaa si baase.
3
«Ana malee waaqota dhibii hin waaqonfatin.
4
«Bifa waan ol-gubbaa jiruutiin yookiin waan lafa irra jiruutiin yookiin waan bisaan keessa jiruutiin, bifa waan tokkootille'een waaqa dharaa hin hujatin.
5
Isaaniif hin sagadin; isaan hin waaqonfatinille'e. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa hinaatticha waan te'eef, worra na jibbu sababa cubbuu abbootii isaaniitiif, ijoollee isaanii haga dhaloota sadiitii fi afuriititti hin adaba.
6
Worra na jaalatuu fi worra ajaja kiyya eegatu ammoo dhaloota isaanii haga dhaloota kumaatitti jaalala kiyya ka bara baraa isaanitti hin mudhisa.
7
«Ani Mootiin Waan Maraa nama maqaa kiyya akkasumaan dhowu adabu malee waan hin lakkinneef, maqaa kiyya akkasumaan hin dhowin.
8
«Guyyaa Sanbataa woyyoonsiisaaf qaabadhu!
9
Guyyaa jaa elowiitii hujii teeti mara hujadhu.
10
Guyyaan torbeesso'oo ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif guyyaa fooraa ti; guyyaa san ati, ijoolleen teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, tajaajiltooti teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, horiin keetii fi nami alagaan si bira jiru marti hujii tokkolle hin hujin.
11
Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa jaa keessatti ol-gubbaa, lafa, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru mara dade; guyyaa torbeesso'oo ammoo foorfadhe; tanaaf ani Mootiin Waan Maraa guyyaa Sanbataa eebbisee woyyoonse.
12
«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
13
«Hin ijjeesin;
14
«Hin gaarayyeeffatin;
15
«Hin hatin;
16
«Nama irratti dharaan dhugaa hin bayin;
17
«Mana namaa hin kajeelin; haadha manaa isaa, tajaajilaa isaa, tajaajiltuu isaa, loon isaa, harree isaa, karra isaa mara hin kajeelin» jedhe.
18
Kolbaan sun mandiisu'uu fi balaqqeettii yennaa dhaggite, tultullaa afuufamu dhageettee, gaarri aaruun yennaa dhaggite soda'aan hollattee, fagaattee dhaabbattee,
19
Muuse'een, «Nuuti akka hin duune, Waaqi nu woliin akka dubbatu hin godhin; atinuu nu woliin dubbadhu; nuuti hin caqanna» jette.
20
Muuseen kolbaa saniin, «Hin sodaatina'a! Sodaan Waaqaa isin bira jiraattee, cubbuu hujiisa irraa akka isin eedduuf, Waaqi haga isin ilaaliisaaf dhufeera» jedhe.
21
Kolbaan irraa fagaattee dhaabbatteertuun, Muuseen addee Waaqi jiru gara duumensa ciggaa dukkanowaa sanii dhikaate.
22
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani ol-gubbaa irraa akka isinitti dubbadhe isinuu dhaggitaneertan;
23
isin ana malee, waaqota meeti'ii fi worqii irraa hujattanee hin waaqonfatina'a.
24
« ‹Ati addee ciinca'aa faara irraa naaf hujiitii, isa irratti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa hoolee, re'e'ee fi loon keeti keessaa dhikeessi. Ani addee maqaa kiyya akka itti waamamu godhe san gara keeti dhufee si hin eebbisa.
25
Ati dhaka'aan addee ciinca'aa naaf yoo ijaartu teete, meya ittiin boccu saniin waan batteessituuf, dhakaa bocameen hin ijaarin.
26
Nafi keeti qullaa akka hin mudhanneef, yaabbannoo irra gara addee ciinca'aa tiyyatti ol hin bayin jedha› jedhiin» jedhe.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40