bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Exodus 25
Exodus 25
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 26 →
1
Mootiin Waan Maraa Muuse'een
2
«Israa'elooti kennansa akka naaf kennanu itti himi; nama fedhii ifiitiin kennansa naa fidu irraa fuudhi.
3
Kennansi ati isaan irraa fuutu: worqii, meeti'ii fi sageettuu,
4
woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, woyaa liilana diima'aatii fi woyaa quncee talba'aa, woyaa rifeensa re'e'ee,
5
gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame, gogaa hoolee galaanaa, muka gololchaa,
6
zayitii ejersaa ta ifaaf teetu, uddowaa zayitii ejersaa ta dibatanutti naqanu, hixaana foolee dansa'aa,
7
dhakaa gatii guddo'ootii fi dooqa adda addaa ka woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi kiisii qomaatitti naqanu.
8
«Achiin duuba akka ani odduu isaanii jiraadhuuf, dunkaanii woyyittii naaf hujanuu ti.
9
Dunkaanii woyyittii tanaa fi meya isii keessaa mara akka ani sitti mudhisutti huji.
10
«Saanduqa Gondooro'oo ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa, hojjaan isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa akka hujanu tolchi.
11
Keessa isi'iitii fi duuba isi'ii worqii itti gonfi; roga isi'ii irra naannessiitii xiyyoo worqi'ii itti huji.
12
Qubee worqi'ii afur hujiitii, lamaan gara tokkoon, lamaan gara kaaniin, miila isi'ii afurittuu qassiisi.
13
Muka gololchaa irraa danqaraa bociitii worqii itti gonfi.
14
Danqaraa isii ittiin ba'atanu, qubeelee Saanduqa Gondooro'oo ta gama lamaaniin jirtu san keessa loosi.
15
Danqaraan sun qubeelee Saanduqa Gondooro'oo san keessuma tee'uutii malee achi keessaa hin bayin.
16
Achiin duuba dhakaa baxxicha lama ka ajaji irratti barreeffame ka ani si'iif kennu, saanduqa gonddooro'oo san keessa keyi.
17
«Qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo ta worqi'ii, ta gumaa cubbu'uu irra keyanu ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa ta worqi'ii huji.
18
Dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lama worqii tumante irraa qaccee lama ta qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo irratti huji.
19
Dada ol-gubba'aa san tokko qaccee gara tokkootitti, dada ol-gubba'aa ta lammeesso'oo qaccee garakaaniititti keyi; dada ol-gubba'aa ta koola qabanu san qaccee qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo lamaanittuu wolitti qassiisii tokko tolchi.
20
Dadi ol-gubba'aa ta koola qabanu sun koola ifii ol badhifatanee qadaaddaa san irra gonbobanuu ti; fuula wolitti galanee, qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo san ilaalanuu ti.
21
Qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo san Saanduqa Gondooro'oo gubbaa keyi; dhakaa baxxicha seerri irratti barreeffame ka ani si'ii kennu sanille Saanduqa Gonddooro'oo san keessa keyi.
22
Dada ol-gubba'aa ta koola qabanu lama ta qadaaddaa addee araara cubbu'uu ka Saanduqa Gondooro'oo irra jiranu wodhakka'atti si'iin wol dhaggee, achitti ajaja kiyya mara kolbaa Israa'eliitiif si'itti hin kenna.
23
«Xarapheessaa dheerinni isaa ciqilee lama, badhinni isaa ciqilee tokko, hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa huji.
24
Worqii qulluu itti gonfi; roga isaa irralle naannessii worqii itti gonfi.
25
Xiyyoo haga badhinna ganaa harkaa geettu irga isaa irratti naannessii worqii itti gonfi.
26
Xarapheessaa saniif qubee worqi'ii afur hujiitii, addee miilli isaa afur jiranutti roga isaa afur irratti qassiisi.
27
Qubeeleen afur sun danqaraa xarapheessaa ittiin ba'atanu akka qaddu, xiyyoo san biratti dhikaatanuu ti.
28
Danqaraa muka gololchaa irraa huji; worqii itti gonfiittii xarapheessaa san ittiin ba'adhu.
29
Waan daadhii woyni'ii ittiin dhikeessanu gabataa, qorii, kobolaa fi muduunuu worqii qullittii irraa huji.
30
Daabboo na dura dhikaattu yennaa mara fuula kiyya dura xarapheessaa kana irra keyi.
31
«Waan issaa irra keyanu worqii qullittii irraa huji. Miila isaa, ulee isaa, muduunuu daraaraa fakkaattu, guntuta daraara'aatii fi daraaraa seesaa waan ifa irra keyanu san woliin wolitti qassiisii tokko tolchii huji.
32
Waan issaa irra keyanu kana irratti dameelee jaa, gara tokkoon sad, gara kaaniin sad huji.
33
Dameelee jaanuu, tokko tokkoo isaanii irratti muduunuun daraaraa muka ‹Almond› jedhamuu fakkaattu ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu sad jiraatanuu ti.
34
Waan issaa irra keyanu san irra, muduunuun daraaraa muka ‹Almond› jedhamu fakkaattu afur ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu jiraatanuu ti.
35
Dameelee waan issaa irra keyanuu lamaan karaa jalaa guntuti daraara'aa tokko, dameelee lamaan lammeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka lammeesso'oo, dameelee lamaan sadeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka sadeesso'oo jiraatanuu ti.
36
Guntuti daraara'aatii fi dameeleen sun martinuu waan issaa irra keyanu san woliin wolitti qassiifamanee tokko te'anee, worqii qullittii irraa hujamanuu ti.
37
«Akka issaan addee waan issaa irra keyanu duraatiif ifa kennanu, issaa torba hujiitii, waan issaa irra keyanu san irra keyi.
38
Qarapha'aa fi qoriin daadha'aa worqii qullittii irraa hujamanuu ti.
39
Wonni ifa irra keyanuu fi mey isi'ii marti worqii qullittii kiiloogiraama soddomii shaniin hujamanuu ti.
40
Akka ani gaara irratti sitti mudhise sanitti ilaalii huji.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40