bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Exodus 38
Exodus 38
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 37
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 39 →
1
Bazaali'el addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu muka gololchaatiin ijaare. Dheerinni isi'ii ciqilee shan, badhinni isi'iille ciqilee shan, hojjaan isi'ii ciqilee sad.
2
Inni gaafotii fi addeen ciinca'aa tokko akka te'anu roga isi'ii arfanuu irratti gaafota itti baasee, sageettuu itti gonfe.
3
Meya addee ciinca'aa san mara okkotee daadhaa itti haranu, waan ibidda irratti bobeessanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, filaa fooniille sageettuu irraa huje.
4
Inni waan akka meemme'ee sageettuu irraa hujee, haga hidha addee ciinca'aa ol akka dheerattu, xiyyoo isi'ii jala keye.
5
Inni roga arfan waan akka meemme'ee san irratti danqaraa ittiin ba'atanu akka keessa galchanu qubeelee afur itti huje.
6
Inni addee ciinca'aa san akka ittiin ba'atanu, danqaraa muka gololchaa hujee sageettuu itti gonfe.
7
Danqaraa san addee ciinca'aa akka ittiin ba'atanu, qubeelee addee ciinca'aa cinaa gama lamaaniitiin jirtu san keessa galche. Inni addee ciinca'aa san boollessee falaxaa irraa huje.
8
Inni gabataa itti dhiqatanuu fi shafee isaa ta sageettu'uu, daaw'itii sageettu'uu ta dubartoota seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa tajaajilanuu irraa huje.
9
Inni itti aansee badhinna Dunkaanii Woldeenna'aatitti dalleya ijaare. Badhinni dalleyaa keessaa sun karaa kibbaatiin ciqilee dhibba; gollaa quncee talba'aa dansaa irraa wolitti fowamee hujame qabaatee,
10
utuboota shafee sageettu'uu qabanu diddama ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabanu qabaayyu.
11
Gara kaabaatille'een akkuma kana ciqilee dhibba dheeratee, utuboota shafee sageettu'uu qabanu diddama ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabanu qabaayyu.
12
Badhinni dalleya keessaa sun gara seensa adu'uutiin, ciqilee shantama badhatee, golla'aa fi utuboota kudhan shafee kudhan qabanu, ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabanu qabaayyu.
13
Dhuma gara ila boru'uu, karaa aduun baatulle'een, ciqilee shantama badhata.
14
Dheerinni golla'aa seensuma irraa gara tokkoon ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qabaayyu.
15
Akkasuma seensuma irraa gara kaaniin dheerinni golla'aa ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qaba.
16
Gollaan cinaa badhinna dalleya keessaa jiru marti quncee talba'aa dansaa wolitti fooyame irraa hujame.
17
Shafeen utubootaa ta sageettuu irraa hujante yoo teetu, hookko'oo fi qubeeleen utuboota irra jiranu meetii irraa hujamane; guutuun utubootaalle meetiin itti gonfanteerti. Utubooti badhinna dalleya keessaa marti qubeelee qaban.
18
Gollaan seensuma badhinna dalleya keessaa liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa nama hujii harkaa beekuun dhowame. Dheerinni isaa ciqilee diddama; akkuma gollaa badhinna dalleya keessaa hojjaan isaa ciqilee shan.
19
Utubooti isaa afurii fi shafeen isaa arfanuu sageettuu irraa hujamane; hookkoti utubootaatii fi qubeeleen utubootaa meetii irraa hujamane. Guutuun utubootaalle meetiin itti gonfanteerti.
20
Chikaaloti Dunkaanii Woyyitti'iitii fi ka badhinna dalleya keessaa marti sageettuu irraa hujamane.
21
Mey Dunkaanii Woyyitti'ii, ka Itaamaariin Lewwichi ilmi Aaronii hayyichaa, ajaja Muuse'eetiin, tarre'etti barreessee qopheesse asii gad jira:
22
Akaakoon Huurii ilmi Urii Bazaali'el, gosa Yihuda'aa keessaa waan Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje mara huje.
23
Gosa Daanii keessaa ilmi Ahisamaakii Aholiiyaab, ka hujii harkaa beeku, ka karoora baasu fi ka liilana quncee talba'aa dansaa bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'ee fi diima'aan woy seesee hodhu isa woliin jiraayyu.
24
Dunkaanii Woyyittii ijaariisaaf worqiin kennansa tachoofamuuf kennante sun wolumatti akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti kiiloogiraama kuma tokko.
25
Meetiin kolbaa laakkowante irraa wolitti qabante, akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii fi soddomaa ti.
26
Namooti worra qara laakkowametti dabalamane ka woggaan isaanii diddamaa fi diddamaa olii laakkossi isaanii kuma dhibba jaa fi kuma sadii fi dhibba shanii fi shantama. Isaan kun mataa mataa isaaniititti akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti meetii gara giraama kudhanii tokkoo kennane.
27
Meetiin kiiloogiraam kum sadii fi dhibbi afur baqisiifantee shafee Dunkaanii Woyyitti'iitii fi shafee golla'aa dhibba hujante. Shafeen tokko tokkoo meetii kiiloogiraama soddomii fi afuriin hujante.
28
Meetii kiiloo giraama soddoma hatteen Bazaali'el utuba'aa fi hookkota utubootaa hujee guutuu utubootaalle itti gonfe.
29
Sageettuun kennansa tachoofamuuf kennante kiiloogiraama kuma lamaa fi dhibba afurii fi diddamii shan.
30
Isuma tanaan shafee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa, addee ciinca'aatii fi waan akka meemme'ee ta addee ciinca'aa sanii, meya isi'ii maralle,
31
Shafee dalleya badhinna Dunkaanii Woldeenna'aa, shafee karra badhinna Dunkaanii Woldeenna'aa, chikaalota Dunkaanii Woldeenna'aa ka badhinna Dunkaanii Woldeenna'aatitti naanneffameeru mara huje.
← Chapter 37
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 39 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40