bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Exodus 19
Exodus 19
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 20 →
1
Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa bayanee, ji'a sadeesso'oo guyyaa tokkeesso'oo goomolee Siina'aa geyane.
2
Isaan Refiidiimii ka'anee goomolee Siina'aa keessa, fuullee gaara Siina'aa achi qubatane.
3
Achiin duuba Muuseen gara Mootii Waan Maraa gaaratti ol baye. Waaqille gaara gubba'aa Muusee waamee, «Sanyii Yaaqoobii, kolbaa Israa'eliitiin,
4
‹Waan ani worra Gibxi'ii irratti godhe, akka risaan ilmoolee ifii koolaan ba'atu, isin ba'adhee gara kiyya attam akka isin fide dhaggitaneertan.
5
Amma isin guutumatti naaf yoo ajajantane, gondooroo tiyyalle yoo eegatane, gosa biyya adda addaa mara keessaa kolbaa irra caalaa jaalatantane hin teetan. Latti duudiin tiyya teetulle,
6
isin mootummaa hayyootaa kolbaa woyyittii naaf hin teetan› jedhi. Tun waan ati kolbaa Israa'eliititti hintu» jedheen.
7
Maarre Muuseen gad bu'ee jaarsolee kolba'aa waamee dubbii Mootiin Waan Maraa akka inni dubbatu isa ajaje mara isaanitti hime.
8
Achiin duuba kolbaan marti afaan tokkochaan, «Waan Mootiin Waan Maraa jedhe mara hin tolchina» jedhanee deebisane. Maarre Muuseen waan kolbaan jette deebi'ee Mootii Waan Maraatitti hime.
9
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ani si woliin dubbadhuun kolbaan akka dhageettu, yennaa maralle akka si'itti addattu, ani duumensa ciggaa keessa gara keeti hin dhufa» jedhe. Achiin duuba Muuseen waan kolbaan jette Mootii Waan Maraatitti hime.
10
Mootiin Waan Maraalle Muuse'een, «Gara kolba'aa dhaqiitii adhaa fi boru isaan woyyoonsi. Woyaa ifiille akka dhiqatanu godhi;
11
guyyaa sadeesso'oo adoo isaan dhagganuu, ani gaara Siina'aa irratti waan gad bu'uuf, guyyaa saniif qophowanuu ti.
12
Cinaa gaaraatitti naannessii, meessaa buusiitii, ‹Gara gaaraa akka ol hin baane yookiin irga isaa akka hin tundhe ifi eegadha'a; nami gaara san tuqe ijjeefamuu ti.
13
Harki adoo isa hin tuqin, dhaka'aan tumamee yookiin daayaan woraanamee ijjeefamuu ti. Nami yookiin horiin yoo gaara san tuqe ijjeefamuu ti. Qoonqoon tultulla'aa adoo wol irraa hin citin, yennaa tultullaan afuufame qofa kolbaan gara gaaraa ol bawuu dandeetti› jedhii itti himi» jedhe.
14
Achiin duuba Muuseen gaara irraa gara kolba'aa gad bu'ee, isaan woyyoonsee, woyaa ifiille akka dhiqatanu godhe.
15
Muuseen kolba'aan, «Guyyaa sadeesso'ootiif ifi qopheeffadha'a; dubartii bira hin geyina'a» jedhe.
16
Gaafa guyyaa sadeesso'oo ganama gaara san irratti duumensi ciggaan mudhate; mandiisuun mandiite; balaqqeettiin balaqqitte; qoonqoon tultulla'aa guddoon afuufante; kolbaan addee quttumaa san jirtu marti naatee hollatte.
17
Achiin duuba Muuseen kolbaa addee quttumaatii baasee gara Waaqaa fidee, isaanille gaara jala dhaabbatane.
18
Waaqi ibiddaan gaara irratti waan gad bu'eef, gaarri Siina'aa aaraan gollame; aarri akka aara boolla ibiddaa keessaa bawuu, gaara san irraa aare. Gaarri sun guutumatti raafame.
19
Qoonqoon tultulla'aalle ittuma dabalamaa dhutte. Achiin duuba Muuseen dubbate; Waaqille qoonqoo akka mandiisu'uutiin deebii kenne.
20
Mootiin Waan Maraa qaccee gaara Siina'aa irratti gad bu'ee, gara qaccee gaaraa Muusee waame. Muuseelle ol baye.
21
Mootiin Waan Maraalle Muuse'een, «Kolbaan ana Mootii Waan Maraa ilaaliisaaf, meessaa dabaranee, hedduun isaanii akka hin dhumanne, gad bu'ii itti gorsi.
22
Hayyooti gara kiyya dhikaatanuuyyuu ifi adda baasuu qaban; yoo akkas hin te'in ani isaan hin adaba» jedhe.
23
Muuseelle Mootii Waan Maraatiin, «Ati, ‹Adaala gaara kanaatitti meessaa naqa'aatii, isa woyyoonsa'a› waan nuun jetteertuuf, kolbaan gara gaara kanaa ol bawuu hin dandeettu» jedhe.
24
Mootiin Waan Maraalle deebisee Muuse'een, «Gad bu'iitii, Aaron woliin deebi'ii koy; hayyootii fi kolbaan ammoo gara kiyya dhufiisaaf meessaa dabaruu hin qabanu; yoo isaan dabarane, ani isaan hin adaba» jedhe.
25
Muuseelle gara kolba'aa gad bu'ee, waan Mootiin Waan Maraa jedhe isaanitti hime.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40