bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Exodus 2
Exodus 2
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 3 →
1
Bara san namichi sanyii Lewwi'ii tokko dubartii sanyii Lewwi'ii fuudhe;
2
isiille ulfoottee ilma isaaf deette. Ilmi dhalate sun miidhagaa akka te'e yennaa dhaggite haga ji'a sadii isa dhossite.
3
Haga san caalaa dhossuu yennaa dadhadde ammoo, saaxaraa allaaduu irraa hujame tokko fuutee, akka bisaan keessa hin seenne leyyaa lafa keessaa dhaggamuun duuchite; achiin duuba annuu san keessa irkittee allaaduu qarqara laga Nayilii odduu keette.
4
Obboleettiin annuu sanii ammoo waan inni te'u ilaaliisaaf irraa fagaattee dhaabbatteertiiyyu.
5
Achiin duuba intalti mooticha biyya Gibxi'ii dhiqatiisaaf gara laga Nayilii dhutte; yennaa san dubartooti isii tajaajiltu laga san qarqara deddeemiisatti jiraniiyyu. Isiille saaxaraa allaaduu odduu jiru dhaggitee, tajaajiltittii ifii ergitee akka saaxaraa san fiddu goote.
6
Isiin yennaa saaxaraa san bante annuu keessatti dhaggite. Annuun waan bowiisatti jiruuf, isaaf gadditee, «Kun annuu Ibrootaa ti» jette.
7
Achiin duuba obboleettiin isaa intala Mootichaatiin, «Annuu kana akka hoosittee si'iif guddittu dubartoota Ibrootaa keessaa takkattii dhaqee si'iif waamuu?» jette.
8
Isiille, «Ee! Dhaqii waami!» jetteen. Maarre intaltille dhaxxee haadhuma annu'uu fidde.
9
Intalti mootichaalle isi'iin, «Annuu kana fuudhiitii hoosisii naaf guddisi; anille si'iif hin kaffala» jette. Maarre isiille annuu san fuutee hoosittee gudditte.
10
Mucaan sun yennaa guddate, isiin gara intala mootichaa isa geessite; innille isi'iif ilma te'e. Isiille bisaan keessaa waan isa baacheef, maqaa isaa «Muusee» jette.
11
Muuseen guddateen duuba guyyaa tokko addee kolbaan isaa jirtu dhaqee hujii hunnaa jajjadduu hujanuun dhagge. Nami Gibxi'ii tokko kolbaa Muuse'ee keessaa Ibraawicha tokko dhaanuun dhagge.
12
Inni asii fi achi ilaalee nami isa dhaggu tokkolle akka hin jirre hubateen duuba, nama Gibxi'ii san ijjeesee reeffa isaa maansa jala dhosse.
13
Guyyaa itti aanulle bayee Ibrooti lama wol loltuun dhagge. Nama balleessaa qabuun «Ati maaf nama Ibraawicha gosa keetii dhaanta?» jedhee gaafate.
14
Namichille deebisee «Nu irratti bulcha'aa fi abbaa mura'aa ka si godhe eennu? Akkuma nama Gibxi'ii san ijjeette analle ijjeesiisaaf yaaddee ree?» jedhe. Achiin duuba Muuseen sodaatee «Wonni ani tolche beekkameera» jedhee yaade.
15
Mootichi yennaa waan kana dhage'e, Muusee ijjeesiisaaf barbaade; Muuseen ammoo isa duraa baqatee gara lafa Miidiya'aa deemee boolla bisaanii takka bira le'e.
16
Hayyichi Miidiyaanii tokko ijoollee durraa torba qabaayyu; isaan gara boolla bisaanii san dhufanee hoolee abbaa ifii bisaan obaasiisaaf bisaan woraabanee goongaa guutane.
17
Tissitooti dhibiin dhufanee isaan ari'ane; Muuseen ammoo ka'ee durra saniif rogee hoolee isaanii bisaan obaase.
18
Isaan yennaa gara abbaa ifii Rewu'elii deebi'ane, inni, «Isin adha maaf haganattuu ariifattanee deebitane?» jedhee gaafate.
19
Isaanille deebisanee, «Nami Gibxi'ii tokko tissitooti nu ariinaan nu'uuf rogee, bisaanille nuu woraabee hoolee teenna nu'uuf obaase» jedhane.
20
Innille durra ifiitiin «Meet inni? Isin maaf isa lakkittanee dhuttane? Akka inni nu woliin sagalee nyaatu, dhaqa'aatii waama'a!» jedhe.
21
Maarre Muuseen namicha san woliin le'iisaaf jaalate; namichi sunille intala ifii Siiforaa akka niitii isaaf teetu Muuse'eef kenne.
22
Isiin ilma isaaf deette; Muuseelle, «Ani lafa ormaatitti galeera» jedhee, maqaa isaa Gershoom baase. Gershoom jechuun «Galtuu» jechu'u.
23
Bara heddu'uun duuba mootichi biyya Gibxi'ii du'e; Israa'elooti garbooma keessatti qarqaarsa dhaggatiisaaf iyyatane; iyyi isaan garbummaa jalaa bayiisaaf iyyane gara Waaqaa ol dhaxxe.
24
Waaqille iyya isaanii dhage'ee, gondooroo ifii ta Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob woliin gondoore qaabate.
25
Maarre Waaqi akka Israa'elooti garbummaa keessa jiranu dhaggee, isaaniif yaadate.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40