bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hebrews 1
Hebrews 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
1
Rabbi dur irraa jalqabee hennaa gara garaatii fi karaa gara garaatiin raattotaan abboota teennatti dubbatee,
2
bara dhumaa kanatti ammo karaa ilma ufii ka waa maraa harka isaa jala galchee fi ka adunyaa ittiin uumeen nutti dubbate.
3
Inni ka ulfinna Rabbii calanqisiisuu fi fakkeenna sirrii ka amala isaa ta'ee dubbii ufii jaba'aan maraa irkisee qabeera; haga cubbuu qulqulleesseen maayessa sami'itti gaachena ulfinna isaa mirga taa'e.
4
Kanaaf akkuma maqaan Rabbi isaa kenne maqaa maleekkotaa caalu, Inni ka maleekkota caalu ta'eera.
5
Maleekkota keessaa, «Ati ilma kiyya; ani adha si uumadhe» akkasuma eennuun, «Ani Abbaa isaa ta'a; innillee Ilma naa ta'a» jedhee beeka?
6
Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha.
7
Hennaa waan Maleekkota ufii dubbatu, «Inni Maleekkota ufii qilleensa; tajaajiltoota ufii ammo arraba ibiddaa godha» jedhe.
8
Waan ilma ufii ammo, «Waaqa kiyya, teessoon kee haga bara baraa jiraata; qajeellummaan ulee jeennata teetiiti.
9
Qajeellummaa jaalattee dhara jibbite; kanaaf Waandhi Rabbiin kee, hiriyyaa kee caalaa muudama gammachu'uutiin si muude» jedha.
10
Akkasuma, «Gooftaa kiyya, ati dura ardii uumte; samiinillee hujii harka keetiiti.
11
Isaan hin badan; ati ammo hin jiraatta; maruu akka uffataatitti moofan,
12
Ati akka woya'aatitti isaan mammarta; isaanillee akka uffataa hin jijjiiraman. Ati ammo sanuma; woggoonni kee sirimaa hin dhumatu» jedha.
13
Maleekkota keessaa eennuun, «Haga diina kee ejjannaa luka keetii sii godhuuf mirga kiyya taa'i» jedhe?
14
Maleekkonni Rabbii maruu ayyaanota worra fayyinna argatan tajaajilu'uuf ergamaniimii?
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13