bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hebrews 11
Hebrews 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
1
Amantiin waan abdatan, «dhuga'aan hin ta'a» jedhanii fudhachu'uu fi waan ijaan hin argine akka waan arganiititti hin jira jedhanii laakkayu'u.
2
Manguddootaaf ka ragameef waan kanaan.
3
Akkuma adunyaan dubbii Rabbiitiin uumame wonti mudhatu, waan mudhatu irraa akka hin taane amanti'iin hubanna.
4
Aabeel ciincaa ciincaa Qaa'elii caalu amanti'iin Rabbii dhiyeesse, akka kanaan Rabbi ciincaa Aabeelii gammachu'uun hennaa fudhate, Aabeel amanti'aiin qajeelaa akka ta'e ragameef. Haga du'ellee ciincaan isaa haga ammaa dubbata.
5
Heenook akka hin duune amanee amanti'iin gara sami'ii ol baye. Waan Rabbi ol isa fudhateef hin argamne. Uduu hin fudhatamne, Rabbiin akka gammachiise ragameeraaf.
6
Amantii malee Rabbiin gammachiisuun hin danda'amu. Namni gara Rabbii dhiyaatu akka Rabbi jiru worra isa soqaniif ka gatii kennu akka ta'e amanuu barbaachisa.
7
Noohi waan haga ammaa hin mudhanne amanti'iin hubatee, Rabbiin sodaata'aa maatii ufii hambisu'uuf markaba amanti'iin hojjate. Sababa amantii isaatiif biyya lafaatitti yakki murame. Inni qajeellummaa amanti'iin argamu dhaale.
8
Abrahaam gara ristii hin argatta jedhamee san biyya ufiitii bayee hulee dhaalaan argatu akka dhaqu hennaa waamame, gara dhaqu uduu hin beekin amanti'iin ajajame.
9
Inni akka keessummaa biyya ormaa jiruutitti lafa isaaf waadaa galame san keessa amanti'iin jiraate. Akkuma worra isa woliin waadaa dhaalanii, akkuma Yaaqoobii fi Yisaaqii daasee keessa akka galtu'uutitti jiraate.
10
Qachaa hundee qabdu ta Rabbi hojjate eeggata'aa waan tureef.
11
Ka abdii kenne amanamaa akka ta'etti waan laakkayeef, «Saaraan haga umuriin isi'iituu lufeen maayii fiixaa argatu'uuf amanti'iin hunna argatte»
12
Kanaafuu baniin baay'inni isaanii akka urjii sami'ii ka hin laakkayamne, akka xidhacha qarqara galaanaa nama tokkicha nafti isaa akka nama du'ee fakkaate keessaa dhalatan.
13
Kunniin maruu amananii du'an; garuu dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne. Haa ta'uu ammo fago'oo arganii reebbatan. Biyya itti galan sanitti keessummootaa fi galtuu ta'uu ufii beekan.
14
Akkas ta'uun isaanii biyya biraa eeggatuu isaanii mudhisa.
15
Uduu biyya keessaa bayan san yaadan ta'ee silaa deebi'uu danda'an.
16
Amma ammo biyya sami'ii ta maraa caaltu hawwan. Kanaafuu, «Rabbi Waaqa isaaniiti» jedhamee waamamu'uuf isaanitti hin saalfatu. Waan qachaa isaanii qopheesseeruuf.
17
Ka fiixaan kee isaan waamama jedhamee jechi abdi'ii kennameef, mucaa ufii tokkicha amanta'aan dhiyeesse.
19
Rabbi worra du'an keessaayyuu kaasuu akka danda'u waan yaadeef, akkuma waan du'aa ka'eetitti Abrahaam Yisaaqiin deebisee argate.
20
Yisaaq waan durana dhufu'uuf ta'u qaabatee amanti'iin Yaaqoobii fi Eesawuu eebbise.
21
Yaaqoob hennaa du'uu gaye, qaccee bordoo ufiititti irkifatee Rabbii sagada'aa amanti'iin ijoollee Yooseefii maraa eebbise.
22
Yooseef hennaa du'uu gaye, waan biyya Misirii keessaa bayuu ijoollee Israa'elii amanti'iin qaabatee, waan lafee ufiillee dhaamate.
23
Muuseen haga dhalateen maayii haati isaatii fi abbaan isaa daa'ima bareedaa ta'uu isaa arganii, amanta'aan ji'a sadihii dhossaniin; labsii mooti'iillee hin sodaanne.
24
Muuseen haga guddateen maayii ilma intala Fari'oonii akka hin jedhamne amanta'aan dide.
25
Gatii ufii xiinxallee waan laaleef, qabeenna biyya Misirii hedduu irra waan Kiristoosiitiif tuffatamuun, durummaa maraa caalu akka ta'e waan yaadeef,
26
gammachuu cubbu'uun henna'aaf argamu caalaa banii Rabbii woliin rakkachuu filate.
27
Waan hin mudhanne akka waan arga'aaruu godhee jabaate; uduu dheekkamsa mootichaa hin sodaanne amanti'iin biyya Misiriitii baye.
28
Maleekkaan akka ijoollee hangafaa hin tundhe Faasika'aa fi dhiiga facaasuu amanti'iin godhe.
29
Akka waan lafa gogaa irra deemaniititti galaana Ertira'aa amanti'iin ceeyan. Namoonni Misirii ammo hennaa ceeyuu yaalan hin liqimfaman.
30
Dalloofni dhaga'aa ka Iyyaariko'oo guyyaa torbaaf haga irra naannayaniin maayii amanti'iin jige.
31
Seebartittiin Ra'aab worra gaadu nagayaan waan simatteef, worra hin ajajamne woliin amanti'iin hin banne.
32
Eeganaa ani maal jedha? Waan Gedewoonii, waan Baaraaqii, waan Saamsoonii, waan Yooftaahe'ee, waan Daawitii, waan Saamu'eeliitii fi waan raattotaa akka hin mammaanne hennaan na jalaa gabaabbata.
33
Isaan amanti'iin mootummaa injifatan; qajeellummaa hojjatan, dubbii abdi'ii ka isaanii kenname argatan,
34
Afaan Leencotaa cufan; hunna ibiddaa dhaamsan; qara sibiilaa jalaa bayan; dadhabbii ufii irraa jajjabaatan; lolatti janna ta'an; loltoota nyaaphaa ari'an.
35
Dubartoonni isaanii worra isaanii ka du'aa ka'an arganii isaan simatan. Kuuwwanillee uduu fayyinna hin arganne, du'aa ka'iinsa caalu akka argataniif haga du'aa tumaman.
36
Kuuwwanillee itti shaqqaadamee tumamanii hidhamanii mana hidha'aatitti gataman.
37
Dhaga'aan tumamanii du'an. Ataabamanii, magaazi'iin baqaffamanii guraade'een du'an. Waa maraa dhaba'aa, rakkata'aa, dhiphata'aa, gogaa hoola'aatii fi gogaa re'e'ee uffatanii asii fi achi naannayan.
38
Waan adunyaan isaanii hin taaneef, lafa gammoojji'iitii fi gaaratti; kosha'aa fi boolla lafaatitti asii fi achi rarra'an.
39
Wonti kunniin maruu amantii isaaniitiin isaanii ragameefii uduu jiru dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne.
40
Rabbi waan caalu waan nuun qopheesseeruuf, isaan nu woliin malee, hojja ufii guutuu ta'uu hin danda'an.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13