bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hebrews 9
Hebrews 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
1
Waadaan duraa ammo seera waaqeffannaa mana woyyuu adunyaa tanaa qabdi.
2
Daaseen duraa ta qophoofte, «Isii woyyittii» jedhamtu keessa waan ibsaa irra kaayan, xarapheessa'aa fi xoroshoo ciinca'aatitu jira.
3
Golga lammeesso'oo duubaan daasee, «Woyyittii woyyootaa» jedhamtutu jira.
4
Achi keessa girgiraan worqi'ii, Saanduuqa waada'aa ka worqi'iin dibame; Saanduuqa waada'aa kana keessa masoobii worqi'ii ta nyaanni sami'ii keessa jiru, ulee Aaroonii ta margitee fi dhagaa baxxicha waadaa Rabbii ka seerri kudhanii irratti barreeffametu jira.
5
Saanduuqa waada'aa irra waan cubbuu balleessu golga ulfinna kiruubeeliititu ture. Waan kana maraa tokko tokko isaaniitiif amma dubbachuu hin dandeennu.
6
Kunillee uduu akkanatti qophaayee jiru, gadoonni tajaajila isaanii raawwachu'uuf hennaa maraa daasee duraatitti seenan.
7
Gara gola lammeesso'oo ammo hayyichi gadootaa hojja ufii woggaa keessa hennaa tokko callaa seena. Innillee dhiiga waan ufiitii fi waan balleessaa bani'iitiif dhiyeessu uduu hin qabanne hin seenu.
8
Daaseen duraa uduma as dhaabatteertu, karaa gara woyyitti'ii geessu duranaa akka hin mudhanne Ayyaanni Woyyuun hin mudhisa.
9
Kunillee fakkeenna waan ammaati. Akkanuma kenna'aa fi ciinca'aan hin dhiyaatan.
10
Kunniin ka haga seerri haarawaa dhufutti ta'an, waan nyaataatii fi waan dhuddo'oollee waan dhiqachuu adda addaatiif ta'an, seera foonii callaa waan ta'aniif, ka waaqeffatullee sammuu isaa sirima qulqulleessuu hin danda'an.
11
Haa ta'uu ammo Kiristoos waan mishaa dhufu'uuf ta'an sanniinii gadicha hayyicha guddaa ta'ee mudhateera; daaseen inni seene guddo'oo fi ta mudaa hin qabne; daaseen tun ta harki namaa hin hojjannee fi ta uumama adunyaa tanaa hin taaneeti.
12
Furama bara baraa argatee hennaa tokko raawwatee, gara woyyittii woyyootaa dhiiga ufiitiin seene malee dhiiga re'iiniitii fi ka jabbile'eetiinii miti.
13
Dhiinni korommi'iitii fi ka re'iinii, ka worra battaayan irratti faca'e, daaraan goromsa ciincayee foon qulqulleessu'uuf ka woyyoomsan yoo ta'an,
14
Dhiinni Kiristoosii ka mudaa hin qabne ta'ee, Ayyaana bara baraatiin ka Rabbiif uf dhiyeesse, attamitti waan kana caalaa Rabbii jiraataa akka waaqeffatan, hujii du'aa irraa sammuu keessan hin qulqulleessine ree?
15
Kanaafuu worri waamaman abdii dhaala bara baraa kennameef san akka argataniif Kiristoos jiddu galeessa waadaa haarawaa ta'e.
16
Yoo dhaamsi dhaalaa jiraate, du'a namicha dhaamatee san mirkaneessuun barbaachisaa waan ta'eef.
17
Dhaamsi dhaalaa yoo namichi dhaala dhaame sun du'e callaa hojii irra oola malee uduu inni lubbu'uun jiru hin ta'u.
18
Kanaafuu waadaan duraatuu dhiiga malee hujii irra hin oolle.
19
Muuseen ajaja maraa akkuma seeraatitti banii maraafuu haga himeen maayii, dhiiga jabbi'iitii fi ka re'iinii, bisaanii fi rifeensa hoolaa arrawaa, baala muka hisoophii woliin qabatee, «Waadaan dhiigaa ka Rabbi isinii ajaje kana» jedhee kitaaba seeraatii fi banii maraa irratti facaase.
21
Akkasuma daase'ee fi mi'a tajaajilaa marattuu dhiiga facaase.
22
Akka seeraatitti waan hago'oon ala wonti maruu dhiigaan qulqullaaya; uduu dhiinni hin jinne dhiifamsi cubbu'uu hin jiru.
23
Eeganaa kunniin ka fakkeenna waan sami'ii ta'an martinuu waan kana mara caaluun qulqullaayuu isaan barbaachisa. Wonti samii jiru ammo, ufiifuu ciincaa kana caaluun qulqulleeffamuun giddi'i.
24
Kiristoos gara mana woyyuu ta harka namaatiin hojjatamte woyyittii fakkeenna dhuga'aa taatetti waan hin seenneef; haa ta'uu ammo inni amma Rabbiin afo'otti waan keennaaf mudhatu'uuf gara sami'ii isii keessa seene.
25
Akka hayyoonni gadootaa dhiiga ufii uduu hin taane dhiiga biraa qabatee woggaa wogga'aan gara woyyittii woyyootaa seenu, inni hennaa hedduu uf dhiyeessu'uuf hin seenne.
26
Uduu akkana ta'ee, uumama adunya'aatii jalqabee hennaa hedduu silaa rakkinni Kiristoosiin irra gaya; amma ammo dhuma adunya'aa irratti uf ciincaa godhu'uun cubbuu diigu'uuf hennaa tokko mudhateera.
27
Namootaaf harka tokko du'uun, achiin maayiillee murtiin akka isaaniif murtaaye,
28
akkasuma Kiristoosillee ammo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammeessoo deebi'ee isaanitti mudhata.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13