bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hebrews 8
Hebrews 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
1
Waan dubbanne keessaa wonti guddaan kana. «Ka sami'itti teessoo ulfinnaa irra mirga Rabbii taa'e, gadicha hayyicha guddaa akkanaa kana qabna»
2
Inni tajaajilaa mana woyyu'uutii fi tajaajilaa daasee dhuga'aati, isiin ta namaan uduu hin taane ta Goofta'aan ijaaramte.
3
Hayyoonni gadootaa maruu kenna'aa fi ciincaa dhiyeessu'uuf muudaman. Kanaafillee akkasuma waan dhiyeessu qabaachuun giddi'i.
4
Inni lafa irra uduu jiraatee, akka seeraatitti gadoonni kennaa dhiyeessan waan jiraniif silaa gadicha hin ta'u.
5
Daaseen gadoonni keessatti tajaajilan kun daasee samii gubbaa jiruuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; hennaa Muuseen daasee ijaaru'uuf ka'e Rabbi, «Waa maraa malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti uf eeggadhuu huji!» jedheeniiti.
6
Amma ammo, waadaan Yesuus jiddu galeessa ta'e; akkuma waadaa duraa maraa caalu, tajaajilli inni fudhatellee tajaajila isaanii hin caala; kun abdii caalu irratti hundeeffame.
7
Uduu waadaan duraa ka mudaa hin qabne ta'ee, silaa ka lammeesso'ootiif huleen hin barbaadamu.
8
Isaan tuffata'aa akkana isaaniin jedha, «Kunoo ji'oonni mana Israa'eliitii fi Yihuuda'aa woliin waadaa haarawa galu hin dhufa» jedha Gooftaan.
9
Biyya Misiriitii isaan baasu'uuf guyyaan harka isaanii qabe, waadaa akka abboota isaanii woliin galeetii miti. ‹Isaan waan waada kiyya irra hin dhaabanneef, anillee lash isaanitti jedhe› jedha Gooftaan.
10
‹Ji'oota sanniiniin maayii, waadaan mana Israa'elii woliin galu, seera kiyya qalbii isaanii keessa kaaya; Onnee isaaniitittillee hin barreessa; ani Rabbiin isaanii ta'a, Isaanillee banii kiyya ta'an, ka jedhu kana› jedha Gooftaan.
11
‹Marti isaaniituu ollaa ufiitiin, obboleessa ufiitiinillee, Gooftaa beeki! jedhee hin barsiisu; diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu waan na beekaniif.
12
Waan hammeenna isaaniitiifillee isaanii araarama; cubbuu isaaniillee lammata hin yaadu.› »
13
Haarawa jechuu isaatiin ka duraa moofseera; wonti moofaanii fi ka jaare badu'uuf dhiyaateera.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13