bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hebrews 3
Hebrews 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
1
Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantii keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a.
2
Akkuma Muuseen mana Rabbii keessatti amanamaa ture, innillee Rabbii isa muudeef amanama'a.
3
Namni mana ijaaru akkuma mana ufii caalaa ulfinna caalu qabu akkasuma inni Muusee caalaa ka ulfinna guddaa qabu ta'ee argameera.
4
Manni maruu nama tokkoon ijaarame. Ka waan maraa qopheesse ammo Rabbi.
5
Muuseen waan uf afo'otti dubbatamuuf san ragaa ta'u'uuf mana Rabbii maraa keessatti tajaajilaa amanamaa ture.
6
Kiristoos ammo mana Rabbii keessatti akka Ilmaatitti amanama'a; nullee waan itti abdannuuf abdii ittiin boonnu haga dhumaa jabeessinee yoo eenne nullee mana isaati.
7
Kanaafuu akka Ayyaanni woyyuun jedhu, «Adha laagaa isaa yoo dhageettan,
8
Akka hennaa qormaata lafa gammoojji'ii keessatti Rabbiin dhibu'uun taatan san, «Mataa hin jabaatinaa'a! achitti abbootiin teessan na qoranii; woggaa afurtamaa guutuu waan ani hojjadhe argan.
10
Kanaaf ani dhaloota sanitti aare. ‹Hennaa maraa onnee isaaniitiin hin dogoggoran; isaan karaa kiyya hin beenne jedhe.
11
Akkasuma, ‹hulee hara baafata kiyyaa sirima hin galan! jedhee aari'iin kakadhe» jedhe.
12
Obboleeyyan tiyya! isin keessaa eennullee ka Rabbii jiraataa irraa fagaatuu fi cubbamaan, akkasuma ka gara'aa hin amanne isin keessa akka hin jiraanne uf eegaa'a!
13
Haa ta'uu ammo isin keessaa eennullee cubbu'uun sobamu'uun morkataa akka hin taane, «Adhuma» waan guyyaa maraa uduma guyyaan sun hin lufne woliin mari'adhaa'a!
14
Amantii keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.
15
Kunillee, «Adha hennaa sagalee isaa dhageettan garaa hin jabaatinaa'a! onnee teessan morkataa hin godhinaa'a!»
16
Worri dhagayanii didan eennuun fa'a? worra Muuse'een masakkamanii Misirii bayan sanniinii mii?
17
Ka woggaa afurtamaa loleen eennuun fa'a turan? Ka reeffi isaa lafa gammoojji'ii keessatti kufe, worri cubbuu hojjatan isaanii mii?
18
Worra hin ajajamne yoo ta'e malee gara hulee hara baafannaa kiyyaa hin galtan jedhee eennuun fa'atti kakate?
19
Amanuu dhabuu isaaniitiin gara hulee hara baafanna'aa seenuun akka isaanii hin danda'amne argina.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13