bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hebrews 2
Hebrews 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
1
Kanaafuu waan dhageenne irraa maal laataa akka hin fudhatamne isaaf caalchifnee uf eeguu nu barbaachisa.
2
Jechi Maleekka'aan himame yoo jabaa ta'e, ka dubbii kana diiguuf ka isaa hin ajajamne maruu adaba isaaf ta'u argata.
3
Nullee fayyinna guddaa akkanaa kana yoo lash itti jenne, attamiin jalaa baana? Kun dura waan Goofta'aan himamee tureef; worri dhagayanillee nuu cimsan.
4
Rabbuu malkataan, ajaa'ibaa fi maalalee gara garaatiin, akkasuma kennaa Ayyaana Woyyu'uu ka gara garaatiin waan kana rageera.
5
Rabbi adunyaa dhuftu, ta waan isi'ii dubbannu tana akka maleekkota jalatti bultu hin goonne.
6
Haa ta'uu ammo kitaabbilee Woyyuu keessa hulee takkatti; «Waan isaa akka yaaddu, namni maali'i? Yookaan nama tooyachu'uuf ilmi namaa maali'i?
7
Nama diqqoma Maleekkaa hanqifte, gulloo ulfinnaatii fi galataa mataa isaa irra keette.
8
Maraa luka isaa jalatti akka bulu taasifte» jedhee rage. Waa maraa isa jalatti bulchite. Wonti isa jalatti hin bulle tokkollee hin jiru. Amma ammo akka wonti maruu isa jalatti bule hin arginu.
9
Haa ta'uu ammo Ayyaana Rabbiitiin waan nama maraatiif du'a dhandhamu'uuf Yesuusii Maleekkaa diqqoo hanqatee ture, sababaa rakkinna du'aatiin gulloo ulfinnaatii fi galataa godhatee arginaan.
10
Ijoollee hedduu gara ulfinnaa yoo fidu hundee fayyinna isaanii rakkinnaan raawwatu'uuf sababaa isaatiin maruu isumaan ta'e; maruu isumaaf ta'e.
11
Ka woyyoomsuu fi ka woyyoomu maruu tokko irraa waan ta'aniif.
13
Sababa kanaaf maqaa kee obboleeyyan tiyyatti hin hima, amantoota jiddu'uttillee weeddu'uun si galatoonfadha. Akkasuma, «Ani isa hedadha» akkasuma, «Kunoo anii fi ijoolleen Rabbi naa kennellee obboleewwan jedhee isaan waamuu hin saalfatu.»
14
Eeganaa ijoolleen isaa worra foonii fi dhiiga qaban waan ta'aniif innillee akkasuma ka du'a irratti baallii qabu daabiloosiin akka diigu, worra jireenna isaanii maraan waan sodaa du'aatiif garbumma'aa jalatti hidhaman maraa bilisa baasu'uuf akkuma isaanii nama ta'e.
16
Inni fiixaa Abrahaamii gargaaru'uuf malee Maleekkota gargaaru'uuf hin dhufne.
17
Kanaaf banii irraa cubbuu dhiqu'uuf waan Rabbi maraaf araara godhuuf gadicha hayyicha amanamaa ta'u'uuf, obboleeyyan ufii fakkaachuun isa barbaachise.
18
Inninuu qoramee waan rakkinna argeef worra qoraman gargaaruu hin danda'a.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13