bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hebrews 5
Hebrews 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
1
Bulchoonni gugurdaan gadootaa maruu namoota keessaa filamanii waan Rabbiitiif bikka namootaa kennaa ciincaa cubbu'uu dhiyeessu'uuf muudaman.
2
Innuu waan dadhabbii qabuuf worra wollaala'aa fi worra raantayanii garaa laafuu danda'a.
3
Sababa kanaan waan cubbuu bani'iitiif akkasuma ufiifillee ciincaa cubbu'uu dhiyeessa.
4
Ka akka Aaroonii Rabbiin waamame malee eennullee ulfinna isaa ufiif ka fudhatu hin jiru.
5
Akkasuma Kiristoosillee gadicha guddaa ta'u'uuf uf hin kabajjine. Haa ta'uu ammo, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera!» ka jedheen isuma.
6
Akkasuma hulee biraatitti ammallee «Ati akka muudamaa, Malkasaadiqii, ati baraa haga bara baraa gadicha» jedha.
7
Inni hennaa lafa tana irra jiru laagaa gudda'aa fi imimmaaniin faate'een, kaawwaniillee kadhachu'uun gara Waaqa isa hambisuu danda'uutitti dhiyeesse. Gadi uf qabee waan ajajameef Rabbi kadhaa isaa dhagayeef.
8
Hagamillee yoo Ilma isaa ta'e, rakkinna isa irra gayeen ajajamuu barate.
9
Haga kun maruu raawwatameen maayii, Rabbiin akka muudama Malkasaadiqii hayyicha gadootaa jedhamee waan waamameef, worra isaa ajajaman maraaf madda fayyinna bara baraa ta'e.
11
Waan isaa wonti dubbannu waan heddutu jira. Waan gurri keessan juu jedhee dhagayuu dideef dubbi'iin hiikuun rakkisa'a.
12
Isin hennaa tana silaa barsiisota ta'u'utu isin barbaachisa. Amma ammo akka namni tokko dubbii Rabbii ka jalqabaa irraa deebi'ee barumsa biraa isin barsiisuu barbaachisa; akka kanaan wonti isinii ta'u aannan malee nyaata jaba'aa miti.
13
Ka aannan woga'amu maruu daa'ima waan ta'eef dubbii qajeellumma'aa hin beeku.
14
Dhiyanni jabaan ammo worra waan misha'aa fi waan hamaa addaan baasuuf, worra waa hubatanii fi worra yaada guutu'uutiif barbaachisa.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13