bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hebrews 4
Hebrews 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
1
Eeganaa abdiin hara baafataa ta inni nuu kenne sanitti galu'uuf waadaan galu'uu ammallee waan banaa jiruuf isin keessaa eennullee carraa galu'uu akka hin dhabne uf haa eennuu.
2
Dubbiin gammachu'uu akkuma isaanitti himame nuttillee himameera. Haa ta'uu ammo dubbiin dhagayan worri dhagayan sun amanti'iin waan isaan keessatti hin qabamneef womaa isaanii hin goone.
3
Hujiin isaa haga adunyaan uumamtee jalqabee yoo raawwatamellee, «Isaan hulee hara baafataa ta ani isaanii kennee sanitti sirima hin galan jedhee aari'iin kakadheera» Akkuma jedhe nu worri amanne hulee hara baafataatitti hin galla.
4
Waan guyyaa torbeesso'oo hulee tokko irratti Rabbi guyyaa torbeesso'oo hujii maraa irraa hara baafate waan jedheeruuf.
5
Hulee tanattillee akkasuma gara hara baafata kiyyaa hin seenan.
6
Worri hulee hara baafataa san galu gari gariin hin jira. Waan dubbii gammachu'uu ka himame sanii ajajamuu didaniif hulee hara baafata isaanii kennameetitti hin galle;
7
Kanaafuu Rabbi, «Adha jedhee ammallee guyyaa san murteesse; kunillee bara dheera'aan maayessa karaa Daawitiitiin «Adha» sagalee isaa yoo dhageettan garaa hin jabaatinaa'a!» jedhamee akkuma dur dubbatame san.
8
Uduu Iyyaasuun isaan hara baafachiiseera ta'ee, achiin maayii silaa waan guyyaa biraa hin dubbatu.
9
Eeganaa hara baafanni guyyaa Sambataa banii Rabbiitiif hafeera.
10
Namni gara hara baafata ufii seene akkuma Rabbi hujii ufii irraa hara baafate innillee hujii ufii irraa hara baafateera.
11
Eeganaa eennullee ajajamuu didu'uun kufee akka hin hafne gara hulee hara baafanna'aa kana seenu'uuf haa jabaannuu.
12
Dubbiin Rabbii jiraata'a; hunna hojjatuunillee uf keessaa qaba; guraadee gara lamaan qara qabu caalaa qarama'a; lubbuu, hafuura, ribuu, lafe'ee fi dhuka haga gar gar baasutti woraanee seenuu danda'a; miira onne'eetii fi ka yaadaa qora.
13
Isa nu tooyatu afo'otti wonti maruu qulla'aa fi addaata'a; isa afo'otti uumamni dhokate hin jiru.
14
Eeganaa ka gara sami'ii ol baye gadicha hayyicha guddaa Ilma Rabbii Yesuusiin waan qabnuuf jabaannee amantii keenna haa eennuu.
15
Nu gadicha guddaa dadhabbii keennatti garaa nuu laafu qabna; Inni waa maraanuu ka akkuma keenna qorame ta'ullee cubbuu woyiituu hin hojjanne.
16
Eeganaa akka araara argannu waan nu barbaachisu maraa hennaa nu barbaachisutti badhaadha akka argannu gara teessoo badhaadha isaa amanti'iin haa dhiyaannuu.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13