bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hebrews 7
Hebrews 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
1
Malkasaadiq mootii Saaleemiitii fi gadicha guddaa Rabbii maraa olii ture; Malkasaadiqiin kun hennaa Abrahaam mootota ajjeesee deebi'u isa argee eebbiseen.
2
Isaafillee akkasuma Abrahaam waa maraa keessaa kurneessoo kenneef; hiikkaan maqaa isaa ka duraa, «Mootii qajeellumma'aati», akkasuma ka lammeesso'oo ammo, «Mootii Saaleemiiti» jechuun «Mootii nagayaa» jechu'u.
3
Abbaa fi haadha, laakkobsa, hidda dhalootaallee hin qabu. Barrinii fi jireenni isaa jalqabaa fi dhuma hin qabu. Haa ta'uu ammo akka Ilma Rabbii baraa haga bara baraa gadicha ta'ee jiraata.
4
Hangafni abbootaa Abrahaam waan booji'e keessaa mishaa kudhan keessaa tokko yoo kenne, namni kun attam akka guddaa ture mee laalaa'a!
5
Ijoollee Lewwi'ii keessaa worri hujii gadicha ta'u'uu argatan, banii keessaa jechuun obboleeyyan ufii keessaa isaan hagamillee yoo gudeeda Abrahaamii keessaa bayan isaan kudhan keessaa tokko seeraan akka baasan ajaja qaban.
6
Namichi hiddi dhaloota isaa Leewwii hin taane kun Abrahaamiin harkaa kudhan keessaa tokko fudhateera. Isa dubbii abdi'ii qabu hin eebbise.
7
Maandhichi hangaftichaan akka eebbifamu waan mormii hin qabne.
8
Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko Leewwota worra du'uu danda'aniin wolitti qabama. Karaa kaaniin ammo Malkasaadiqii jiraataa ragameef saniin wolitti qabama.
9
Leewwiin kudhan keessaa tokko fudhatu karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessa tokko baaseera»
10
Hennaa Malkasaadiqiin wol gayan, inni hin dhalanne gudeeda Abrahaamii keessa jira.
11
Eeganaa bani'ii ka kenname akkaataa gadummaa seera Leewwi'iitiin. Uduu gadummaa Leewwotaatiin guutuu ta'uun ka argamu ta'ee, muudamuu gadummaa Aarooniitiin uduu hin taane, silaa gadichi Malkasaadiqiin biraa maaf barbaachise?
12
Gadummaan sun yoo jijjiirame, seerrillee akkasuma hin jijjiirama.
13
Inni waan isaatiif dubbatame kun gosa biraatii gosa kana keessaa hulee ciinca'aatitti dhiyaatee ka tajaajile eennullee hin jiru.
14
Gooftaan keenna gosa Yihuuda'aa keessaa akka dhalate beekkama'a. Muuseen hennaa waan gadumma'aa dubbatu waan gosa kanaa womaa hin dubbanne.
15
Hunna jireenna dhuma hin qabneetiin malee seera ajaja fooniitiinii miti.
16
Gadichi biraa fakkeenna Malkasaadiqiitiin uduu ka'ee kun guddisee waan mudhatu.
17
Waan isaatiif barreeffama Woyyuu keessatti, «Ati akka muudama Malkasaadiqii, ati baraa haga bara baraatitti gadicha» jedhamee ragaa bayameeraaf.
18
Seerri womaa guutuu waan hin gooneef, kanaafuu dadhabdu'uu fi ta hin fayyanne waan taateef,
19
seerri duraa diiggamteerti; abdiin caalu ka gara Rabbii ittiin dhiyaannu tokko dhufeera.
20
Isaanillee waadaa malee gadoota waan ta'aniiraniif,
21
inni ammo, «Goofta'a, ‹Ati akka muudama Malkasaadiqii baraa haga bara baraatitti gadicha› jedhee kakate, hin gaabbulle'e» jedhamee hennaa himameef, waada'aan gadicha waan ta'eeruuf;
22
akkuma waadaa malee gadicha hin taane akkasuma Yesuus waadaa caaluuf wobii ta'eera.
23
Gadoonni hujii gadummaa ufii akka lufanii hin hojjanne ka duuti isaan dhooggite laakkobsaan heddu.
24
Inni ammo baraa haga bara baraa waan jiraataa ta'eef gadummaan isaa hin jijjiiramu.
25
Waan isaaniitiif Rabbiin kadhachu'uuf, hennaa maraa lubbu'uun jiraata. Kanaaf worra karaa isaatiin gara Rabbii dhufan sirima isaan fayyisuu danda'a.
26
Woyyu'uu fi ka dhara hin qabne, ka mudaa hin qabne, ka cubbamtoota irraa fooyamee fi ka samii irratti kabajjame hayyichi gadichi akkanaa kun nu barbaachisa.
27
Inni akka bulchoota gadoota kaawwanii dura waan cubbuu ufiitiif, maayii waan cubbuu bani'iitiif guyya guyya'aan ciincaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu. Hennaa uf kenne waan maraa hennaa tokkoon raawwateera.
28
Seerri Muuse'ee namoota dadhabbii qaban, gadicha hayyicha godhee waan muuduuf, dubbiin kaku'uu ka seeraan maayii dhufe ammo Ilma guutuu baraa haga bara baraa ta'e muuda.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13