bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hebrews 13
Hebrews 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
1
Hennaa maraa jaalalli obbolumma'aa isin jidduu haa jiraatu. Keessummoota simachuu hin irraanfatinaa'a;
2
akka kanaan gari gariin uduu hin beekin Maleekkota keessummummaa simataniiran.
3
Akka waan isaan woliin hidhamtaniirtanii ta'a'aa worra hidhame yaadadhaa'a. Akka waan isaan woliin rakkattanii jiraata'aartaniititti worra rakkataniillee yaadaa'a!
4
Wol fuudhuun maraa biratti ulfinna; sireenillee qulqulluu haa ta'u. Worra adaba hin qabnee fi seebartoota ammo Rabbi isaanitti murteessa.
5
Jaalala birri'ii irraa uf eegaa'a. Wontummaan qabdan isin haa gayu. Inninuu, «Si hin dhiisu, sirima si hin gatu» waan jedheef.
6
Ugginee, «Gooftaan na gargaara, hin sodaadhu; namni maal na godha?» jenna.
7
Worra ijoo dubbii Rabbii isinitti himan yaadadhaa'a. Waan jireenna isaanii keessatti argame laalaa'a; amanti'iin isaan fakkaadhaa'a.
8
Yesuus Kiristoos kaleessa, adhaa haga bara baraa sanuma.
9
Barumsa adda addaa haarawa hin beekkamneen hin fudhataminaa'a. Onneen teessan yoo waan badhaadha Rabbiitiin jabaatte misha'a malee nyaataanii miti. Worri waan kana hordofan waan hin fayyadamneef.
10
Nu hulee ciincaa itti ciinceeffannu hin qabna. Haa ta'uu ammo Worri daasee Yihuudotaa keessa tajaajilu, hulee ciincaan itti ciinceeffamu irraa nyaatuun dhoogga'a.
11
Hayyichi gadootaa ka waan cubbu'uutiif dhiiga hori'ii qabatee gara hulee maraa caalaa woyyitti'ii seena. Foon horii sanniinii ganda sanii baasanii guban.
12
Kanaaf Yesuus ammo dhiiga ufiitiin banii qulqulleessu'uuf karra qachatti'iitiin alatti rakkate.
13
Eegasuu nullee salphinna inni baadhate san baadhannee qacha'aan ala gara isaa haa dhandhuu.
14
Nu'u qachaa biraa guddittii ta bara baraa san eegganna malee, qachaa biraa asii hin qabnu.
15
Eeganaa hennaa maraa Rabbii ciincaa galataa jechuun woreega galataa ka afaan keennaa maqaa isaatii ragaa haa dhiyeessinuufii.
16
Haa ta'uu ammo waan mishaa godhuu, kaawwaniillee qooduu hin irraanfatinaa'a. Ciincaan akkanaa waan Rabbiin gammachiisuuf.
17
Worra isin bulchuu ajajamaa'a. Isaan baallii Rabbiin biratti itti gaafataman waan qabaniif jabaatanii isin eeganii. Yoo isin isaanii ajajamtan, isaan waan kana gammachu'uun hojjatan; Yoo ta'uu dhabaate gadda'aa hojjatan. Kun ammo isiniif misha'aa miti.
18
Rabbiin nuuf kadhadhaa'a; waan maraanuu waan mishaa huju'uuf hawwii waan qabnuuf yaada qulqulluu akka qabnu hubanneerra.
19
Keessattuu akka dafee gara keessan dhufu akka Rabbiin kadhattan jabeessee isinii kadhadha.
20
Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa,
21
karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.
22
Obboleeyyan tiyya! Dubbii gorsaa akka obsitan isin gorsa; dubbii diqqoo tana isinii barreesseera.
23
Obboleessi keenna Ximootewoos akka mana hidha'aatii hiikkame beekaa'a. Yoo inni dafee dhufe isa woliin dhufee isin arga.
24
Worra isin bulchan maraa fi woyyoota maratti nagaya naa himaa'a. Worri Ixaaliyaa keessa jiran nagaya isinii dhaamaniiran.
25
Badhaani Rabbii isin maraa woliin haa ta'u! Amiin.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13