bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
2 Corinthians 1
2 Corinthians 1
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
1
Ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloos obboleessi isaallee Ximootiwoos Woyyoota biyya Akaayiyyaa keessa jiraatan maraa woliin woldaa Kiristaanaa Rabbii ta Qorontoos jirtu maraaf.
2
Rabbii Abbaa keenna, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haata'u.
3
Abbaan gara laafumma'aa fi Waandhi jajjabeenna maraa ta'e Rabbi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu.
4
Inni rakkinna keenna maraa keessatti nu jajjabeessa. Kanaafuu jajjabeenni nu Rabbiin jajjabaannu, worra rakkinna keessa jiran maraa jajjabeessuu hin dandeenna.
5
Rakkinni Kiristoosii nu irratti akka guddate akkasuma jajjabaachuun karaa Kiristoosiitiin waan nu baayi'atuuf.
6
Haata'uu ammo rakkinni yoo nurra gaye, waan jajjabaachuu keessaniitiif, waan fayyuu keessaniitiif, yoo jajjabaannellee nu akkasuma rakkinni rakkannu waan isin dhaabattanii fi jajjabaattaniif.
7
Abdiin keenna ka nu waan keessaniif qabnu ka hin sochoone. Rakkinna keenna akkuma qoodamtan akkasuma jajjabaachuu keenna ammoo akka qoodamtan waan beennuuf.
8
Rakkinna keenna ka Isiya'atti nu irraa gaye obboleeyyan teenna, akka beettan feena. Waan jireenna keennaatuu haga abdii kutannutti hunna keennaa ol haga ta'utti nutti ulfaate.
9
Ee, Rabbii worra du'an du'aa kaasu malee, ufitti akka hin amananne nu'u murtee du'aa akka waan nutti muraniititti nutti dhagayame.
10
Innillee du'a hagana gawu keessaa nu hambise. Nu hambisalle'e; isinillee ammoo akkasuma waan keenna Rabbiin kadhata'aa nu woliin taatanii yoo nu gargartan karaa namoota hedduutiin kennaa badhaadhumma'aa ka nuu kennameef hedduun isaanii waan keennaaf akka galateeffatan duranallee akkasuma akka nu fayyisuuf isa abdii godhanneerra.
12
Eeganaa wonti nu ittiin uf janyu kana waan ta'eef, ogummaa fooniitiinii miti. Badhaadhummaa Rabbiitiin malee. Woyyummaa Rabbiitii fi qajeellummaa adunyaa tanaa caalla'atti isin bira akka jiraanne sammuun keenna raga'a.
13
Waan dubbiftaniif waan qaabattaniin ala waan biraa waan isinii hin barreessineef, guyyaa gaafa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, isinillee akkasuma worra boonu akka taatan, akkasuma isinillee nuun worra boontan akka taanu, waan mishaa waan keenna akka hubattan, guutumatti akka hubattan abdii godha.
15
Kanatti abdadhee, lammaffaa badhaadha akka argattan, firrisee gara keessan akka dhufu karoorfadheera.
16
Isin keessaa bayee gara Maqedooniya'aa akka deemu, akkasumaa Maqedooniya'aa gara keessan dhufee gara Yihuuda'aa hennaa deemu waan imala kiyyaatiif akka na gargaartan yaade.
17
Eeganaa hennaa kana yaadee karoorfadhu, akka waan salpha'aatitti karoorfadhee? yookaan nama yaada lamaa isaanitti fakkaadhaa? Yookiin akka aadaa namoota adunyaa kanaatiin «Ee» yookiin «Wa'a» jedha'aa waan godhe seetanii?
18
Rabbi ammoo amanama'a, dubbiin isinitti dubbadhu Ee, wa'a fi hin ta'u'u.
19
Nu'u dubbiian naa fi Silwaanosiin ka Ximootewoosiinillee isin wodhakka'atti lallabame Ilmi Rabbii Yesuus Kiristoos, Eeyi'ii fi wa'aa hin ture. Haata'uu ammoo isaan eyiin ta'eera.
20
Abdiin dubbii ka Rabbi kenne maruu, «Ee» dubbi'iin isaan waan ta'eef, Kanaaf Rabbiif ulfinna isaatiif ka nu keessan dubbatu akkasuma «Amiiniin» isaan.
21
Nuuf isin Kiristoosiin woliin akka dhaabannu ka nu dibe Rabbi.
22
Akkasuma ka nu chaappeesse wobii Ayyaana ittiin qabannu ka garaa kennaa keessa kaaye isa.
23
Ani ammoo garaa isinii laafu'uuf jedhee, deebi'ee gara Qorontoosii akka hin dhufne lubbuu kiyya irratti Rabbiin ragaa waama.
24
Nu gammachuu keessaniif isin woliin worra hojjatu malee, amantaa keessan irratti akka isin ajanyuufii miti. Amantaa keessaniin waan dhaabattaniirtaniif.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13