bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
2 Corinthians 4
2 Corinthians 4
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
1
Sababaa kanaaf haga araara nuu keennameetitti tajaajila kana waan qabnuuf hin dadhabnu.
2
Haata'uu ammo nu waan dhossa'aatii fi waan nama saalfachiisu ganneerra; dharaan hin deddeebinu. Dubbii Rabbii sobaan wolitti hin hin mannu. Dhugaa ibsu'uun waan sammuu nama maraatiif tolu Rabbiin afo'otti goona.
3
Oduun Nagayaa ka nu lallabne kun maal laataa yoo dhokate, worra badan jalaa dhokate.
4
Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Oduu Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, waaqa adunyaa tanaa ka ta'e seexannii qalbii worra hin amannee jaamse.
5
Kiristoos Yesuusiin Gooftaa akka ta'e malee, waan ufii waan hin himneef. Waan Yesuusiitiif jennee tajaajilaa keessan taaneerra.
6
Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkomsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.
7
Haata'uu ammoo guddinna hunna Rabbii irraa malee, nu irraa akka hin taane akka beekkamu waan kabajjamaa akka mi'a faaraa taanee galmee kana uf keessatti qabanneerra.
8
Karaa maraanuu hin dhiibamna malee, hin dhiphannuu, hin mamna malee, abdii hin kutannu.
9
Hin ari'atamna malee, hin gatamnu, hin kufina malee, hin bannu.
10
Jireenni Yesuusiillee akkasuma foon keenna irratti akka mudhatuuf hennaa maraa du'u Yesuusii nafa keenna irratti baadhannee deddeemna.
11
Jireenni Yesuusii ammoo nafa keenna ka du'u irratti akka mudhatuuf, nu worri jiraatoota taane, sababaa Yesuusiitiin hennaa maraa du'aaf dabarfamnee waan kennamneef.
12
Kanaafuu duuti isaa nu irratti, jireenni isaa ammoo isin keessatti hojjata.
13
Haata'uu ammoo ani amanee dubbadhe jedhamee akkuma barreeffame, Ayyaana amanta'aa sanuma waan qabnuuf; nullee akkasuma hin amanna. Kanaaf dubbanna.
14
Ka Gooftaa Yesuusiin du'aa kaase nullee akkasuma Yesuusiin woliin akka du'aa nu kaasu isin woliinillee akka nu dhiyeessu hin beenna.
15
Karaa namoota hedduutiin badhaadha irraa hafaa; ulfinna Rabbiitiif galata akka guddisu maruu waan keessaniif.
16
Kanaafuu hin dadhabnu; haata'uu ammoo nafti keenna ka gubba'aa yoo badellee nafti keenna ka keessaa guyyama guyya'aan haarawooma.
17
Waan hin mudhanne malee waan mudhatu yoo laaluu baanne rakkoon keenna salpha'a; hennaa heddu ulfinna bara baraa maraa caalaa waan nuu godhamuuf. Wonti mudhatu haguma henna'aati. Wonti hin mudhanne ammoo ka bara baraati.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13