bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
2 Corinthians 3
2 Corinthians 3
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
1
Deebinee ufumaa mataa keenna galateeffachuu jalqabnaa? Mo'o akka kaawwanii dhaamsa galatooma'aa gara keessanii yookiin isin biraa nu barbaachisa ta'aa?
2
Isin worra namoonni maruu beekaniif dubbisan dhaamsi garaa keenna keessatti barreeffame isin.
3
Ergaan kun qalamaan uduu hin ta'in, Ayyaana Rabbii jiraata'aatiin dhagaa baxxicha ka dubbiin Rabbii irratti barreeffameen uduu hin ta'in garaa namaa keessatti barreeffameera.
4
Karaa Kiristoosiitiin Rabbiin irratti amantii akkanaa kana qabna.
5
Gawumsi keenna Rabbiin irraa malee akka waan harka keennaan ta'ee waan tokkollee yaadu'uuf nu gaya'aa miti.
6
Innillee akkasumaa Ayyaanaan malee, qube'een waan hin taaneef tajaajiltoota waadaa haarawaa akka tanu nu taasise; qubeen hin ajjeessa; Ayyaanni ammoo jireenna kenna.
7
Seerri Rabbii ka dhagaa baxxicha irratti qube'een qirqidamee kenname ka ulfinnaan mudhate sun ka bada'aa deemu ta'ullee; namoonni Isiraa'elii fuula Muuse'ee ol jedhanii ija isaa keessa laalu haga dadhabanitti tajaajilli du'aa ka qube'ee sun yoo ulfinnaan ta'e;
8
Tajaajilli Ayyaana Woyyu'uun argamu kun ulfinna kana caaluun attamitti hin taane ree?
9
Eeganaa tajaajilli murtii namaatiin dhufu yoo ulfinna qabaate, Tajaajili qajeellummaa fidu ammoo isa caalaa ulfinna fida.
10
Wonti duraan ulfinnaa sun ka ulfinaan isa caaluu biratti yoo laallame; ulfinna waan dhabeef.
11
Sun ka diiggamu'uuf ture ulfinnaan yoo ta'e, ka bara baraan jiraatu ammoo ulfinna guddisee caaluun waan ta'eeruuf.
12
Eeganaa abdii akkanaa kana yoo qabaanne, guddifne ibsinee dubbanna.
13
San ka diiggama'aa ture; dhumatti akka ijoolleen Isiraa'elii xiinxallanii hin laalee akka golgaa Muuseen afoo isaaniititti golgee miti. Haata'uu ammoo yaanni isaanii jal jedhe.
14
Hennaa waadaan duraa dubbifamu golgi sun haga adhaa isaan keessa jiraata. Golgi sun ka diiggamuun Kiristoosiin calla'aan.
15
Haata'uu ammoo haga adhaa kitaabbileen Muuse'ee hennaa dubbifaman maraa golgaan sun garaa isaanii keessa hin jiraata, hennaa gara Goofta'aa garagale ammo golgi maruu hin ka'a.
16
Gooftaan Ayyaana.
17
Hulee Ayyaanni Goofta'aa jiru, wolabumma'atu jira.
18
Kanaafuu nu martii keenna ulfinna Goofta'aa ka golga'aan hin golgamne afoo Goofta'aatitti akka uf arga'aa calalaqu'uun Gooftaa Ayyaana ta'e fakkaanna. Bifa ulfinna Goofta'aatiin ta'u'uu san fakkaannee ulfinnaa gara ulfinnaa jijjiiramna.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13