bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
2 Corinthians 8
2 Corinthians 8
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
1
Obboleeyyan tiyya, badhaadha Rabbi woldoota Kiristaana Maqedooniya'aatiif kenne isin beessifna.
2
Rakkinna gudda'aan qoramanii uduu jiran, guddinni gammachuu isaaniitiif hiyyummaa isaanii guddisee baayi'atullee, kennaa isaaniitiin duroomaniiran.
3
Haga hunna isaaniitiin waan hunna isaanii caalu fedhaan akka kennan waan isaanii isinii raga.
4
Tajaajila woyyootaa ta'uun akka hirmaattan, arjummaa kana kadhaa gudda'aan nu kadhata'aa turan.
5
Dura dursanii fedha Rabbiitiif, nuufillee uf kennan malee akka nu yaannee miti.
6
Kanaaf Tiitoon akkuma firrisa jalqabeen akkasuma hujii arjumma'aa kana isin birratti akka raawwatuuf isa kadhanne.
7
Haata'uu ammoo waa maraanuu amanta'aaf dubbi'iin, beekkomsaan, ciminna maraan nuufillee jaalala keessaniin bu'aa akkuma qabdan hujii arjumma'aa kanaanillee akkasuma bu'aa qabaadhaa'a.
8
Akka nama ajaja kennuu kana hin jedhu, haata'uu ammoo karaa ciminna worra biraatiin dhugaa jaalala keessanillee akkasuma qoru'uuf kana jedha.
9
Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beetaniirtaniif, dureessa uduu ta'u, isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e.
10
Waan kana irratti gorsa isinii kenna: Bara dheengaddaatii jalqabdanii hujuu callaa uduu hin taane, akkasuma yaadu'uufillee ka firriftanii jalqabdan kun waan isin fayyaduuf.
11
Kanaaf, yaanni fedhi'iin kennuu keessanii hujii irra oolee akka raawwatamu haguma dandeettaniin waan yaaddan san ammuma raawwadhaa'a.
12
Fedhiin mishaan yoo jiraate haguma qabuun ka jaalatame ta'a malee, haga hin qabineenii miti.
13
Kaawwaniif harabaafannaa, isiniif rakkinna akka ta'uufii miti. Sirrii akka ta'uuf malee.
14
Bu'aan isaanii akkasuma hanqinna keessan akka guutu, hennaa tana bu'aan keessan dhidhinna isaanii haa guutuu; sirri'itti akka ta'u akkuma akkana jedhamee barreeffame.
15
«Ka guddaa kuufate, bu'aa hin buufanne. Ka diqqoo kuufatellee womaa jalaa hin dhidhanne.»
16
Waandhi onnee Tiito'oo keessa waan keessaniif jabeenna kaaye haa galatoomu.
17
Inni gorsa keenna waan fudhateeruuf ciminni ammoo waan itti baay'ateef fedhii ufiitiin ka'ee gara keessan dhufa.
18
Waan Oduu Nagayaa lallabu'uutiif obboleessa keenna jaalatamaa woliin gara woldaa Kiristaanaa maraa hin ergina.
19
Kana calla'aa miti. Haata'uu ammoo ulfinnuma Goofta'aatiif kama jaalala fedha keenna mudhisu'uuf hujii arjumma'aa ka tajaajilu'uu kana nu woliin akka qoodamu woldaa tokkumma Kiristanaatittillee filameera.
20
Kennaa akkanumaan tajaajillu kanaaf eennullee akka nu hin tuffanne uf eegganna.
21
Afoo Gooftaa calla'atti uduu hin ta'in; akkasuma afoo namaatittillee waan mishaa waan yaannuuf.
22
Hennaa heddu waan hedduun qoree, akka inni cimaa ta'e waan argineef; ammallee guddisee waan isin hedatuuf; obboleessa keenna Tiitoo fa'a woliin hin ergina; inni ta duraa caalaa guddisee jaba'a.
23
Waan Tiito'oo ka isin gaafatu yoo jiraate, inni goshoo kiyya ka na woliin hojjatu; waan obboleeyyan teennaallee ka gaafatu yoo jiraate, isaan ergamtoota woldaa Kiristaanaatiif ulfinna Kiristoosiiti.
24
Eeganaa waan jaalala keessaniitiif waan boona nu isiniin boonnuu, tokkummaa woldaa Kiristaanaa afo'otti isaaniitti ibsaa'a.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13