bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
2 Corinthians 5
2 Corinthians 5
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
1
Manni keenna ka ardii tanaa ka akka dukkaana'aatitti keessa jiraannu yoo diiggamellee mana harka namaatiin hin ijaaramne ka Rabbii sami'iitiin ijaarame akka qabnu waan beennuuf.
2
Waan kana keessatti dhugamaan wixxifanna mana keenna ka sami'ii san uffachuu dharraana. Uffannee qullaa hin taanu.
3
Dhugamaan yoo ka hin duune uffanne qullaa taanee hin argamnu.
4
Haga dukkaanaa kana keessa jiru nutti ulfaatee wixxifanna. Sababaanillee ka du'aa ta'ee jireennaan akka liqimfamuuf nafa jireenna sami'iillee akka uffannuuf malee, akka qullaa taanuufii miti.
5
Ka kanaaf nu uume Rabbi. Innillee waan nuuf kennamu maraaf akka qabdii ta'uuf Ayyaana ufii nuu keenne.
6
Kanaafuu hennaa maraa amanamnee amanti'iin jiraanna malee, laalu'uun hin jiraannu.
7
Hennaa nafa fooniitiin jiraannu Gooftaa irraa fooyamnee baqa keessa akka jirru yoo ka beennu ta'e, amanamneerra.
8
Keessattuu nafa akka mana keennaa ta'e kana irraa adda baanee baqa keessa jiraata'aa Gooftaa woliin jiraachu'utu nu gammachiisa.
9
Kanaafuu akkasuma nafaan jiraannee, yookiin jiraachuu yoo baannellee, worra isa gammachiifnu ta'uu hawwina.
10
Namni martinuu nafa ufii irratti waan mishaa ta'e, waan hamaa hojjatee, akkuma hujii ufiitiin waan gatii argatuuf nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo dhaabanna.
11
Eeganaa sodaa Goofta'aa beenneeti namoota hubachiifna. Nullee maal akka taane Rabbi hin beeka. Sammuu keessaniinillee akkasuma akka ifa taane abdii godha.
12
Worra keessa isaaniitiin uduu hin ta'in waan diidaa mudhatuun uf jajaniif deebii isaanii deebiftan akka qabaattan akka nuun boontan, sababaa isinitti himna malee, uf isinii galatoonfatu'uufii miti.
13
Yoo maraannellee Rabbiif jenneeti. Worra qalbii qabu yoo taane isiniif jenneeti.
14
Kana waan murteeffanneef jaalalli Kiristoosii nu giddisiisa. Tokkochi maraafuu du'e. Eegasuu namni maruu du'aniiran.
15
Worri lubbu'uun jiraanillee ka isaaniif du'ee du'aa ka'eef malee, duranaa akka ufiif hin jiraanne maraafuu du'e.
16
Kanaafuu ammaa achi eennuttillee fuula laala'aa hin murteessinu; Akki Kiristoosiin itti laalle ija laalcha fooniitiinillee yoo ta'e, ammaa achi haala kanaan hin laallu.
17
Kanaafuu eennullee Kiristoosiin keessa yoo ta'e, uumama haarawa. Wonti moofaan lufeera. Kunoo maruu haarawa ta'eera.
18
Wonti ta'e maruu Rabbii karaa Kiristoosiitiin ufiin wolitti nu araarsee fi tajaajila araarsu'uullee nuu kenneen;
19
Waan Rabbi Kiristoosiin keessaan adunyaa ufiin wolitti araarsa'aa tureef. Cubbuu isaaniillee isaanitti hin laakkawu, nu keessallee dubbii araaraa kaaye.
20
Eeganaa Rabbi karaa keennaan namoota waan waamuuf nu ergamtoota Kiristoosiiti. Nu kanaaf Rabbiin araaramaa jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna.
21
Nu isa keessa taaneeti Rabbiif qajeelaa akka taanu; Kiristoosii cubbuu hin qabne akka cubbuu keenna maraa baatu cubbamaa taasiseen.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13