bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
2 Corinthians 2
2 Corinthians 2
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
1
Haata'uu ammoo ani gaddaan gara keessan akka hin dhufne kutadheera.
2
Anillee yoo isin gaddisiise eegasuu ka sababaa kiyyaaf gaddu malee, ka na gammachiisu eennu?
3
Wonti akkasitti isinii barreesseef gara keessan hennaa dhufe worri na gammachiisuun isaan barbaachisu akka na hin gaddisiifneef jedhee, gammachuun kiyya gammachuu isin maraati jedhee isin maraa waan hedadheef.
4
Rakkinna gudda'aa fi dhiphachuu yaadaatiin, imimmaan gudda'aan isinii barreessee waan tureef, kunillee guddisee jaalala isin jaaladhu akka beettaniif malee, isin gaddisiisu'uufii miti.
5
Haata'uu ammoo, eennullee gaddee yoo jiraate, akka isinitti hin ulfaanne gama tokkoon nu maraa malee, ana callaa hin gaddisiifne.
6
Nama akkana jiru, ka isin hedduun keessan adabbiin isin adabdan kun hin gayaani.
7
Namni akkana jiru gadda gudda'aan akka hin liqimfamne isa irraa deebitanii dhiifamsa isaa godha'aatii jajjabeessaa'a.
8
Kanaaf isaan isa woliin jaalala akka jabeessitan isin kadhadha.
9
Kanaaf akkasuma waan barreessee tureef, waa maraanuu worra ajajamu akka taatan qoree beeku'uuf isinii barreesse.
10
Ka isin dhiifamsa gootaniif, anille akkasuma dhiifamsa godhaaf, anillee dhiifamsa yoo godheef; dhiifamsa ka godheef waan keessaniif afoo Kiristoosiititti dhiifamsa godheeraaf.
11
Seexanaan akka hin sobamne, nu yaada isaa waan hin dogoggorreef.
12
Hennaa waan Oduu Nagayaa Kiristoosiitiif gara Xiro'aada'aa dhufe, hujii Rabbiitiif hagamillee balbalti yoo naa baname,
13
Tiitoo obboleessa kiyya waan hin arganneef, yaanni kiyya hara hin baafanne, kanaafuu isaanitti nagaya dhaamadhee gara Maqedooniya'aa ol baye.
14
Haata'uu ammoo karaa Kiristoosiitiin hennaa maraa mooyanna'aan ka asii fi achi nu naanessu ka nuun hulee marattuu urgaa beekkomsaa ibsuu, Waaqaa galanni haata'u.
15
Worra fayyanii fi worra badan biratti nu Rabbiif urgaa Kiristoosii waan taaneef.
16
Isaan kanniiniif urgaa du'aaf ta'u, isaan sanniiniif ammoo nu jireenna urga'aa ka jireennaaf ta'u; waan kanaaf gayaan eennu?
17
Nu akka worra hedduu ka dubbii Rabbii wolitti mammaka'aa gurguratuutii miti. Qajeellummaa san waan hin taaneef; ammoo Rabbiin biraa akka ergamne Kiristoosiin keessa taanee Rabbiin afo'otti dubbanna.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13