bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
2 Corinthians 12
2 Corinthians 12
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
1
Uf jajuun hin barbaachisa. Haata'uu ammoo womaa hin fayyadu, yoo uf jajuu barbaadee manaaba Rabbi naa kenneen uf jaja.
2
Ani nama Kiristoositti amane tokko beeka; namni kun woggaa kudha afuriin dura haga samii saddaffa'aatitti ol fudhatame; akki inni ol fudhatamellee fooniin ta'ee yookiin hafuuran ta'ee hin beeku; Rabbii ammoo hin beeka.
3
Ufii ammoo namni kun gara hulee jeennataa akka ol fudhatame hin beeka; Haata'uu ammoo, fooniin ta'uu yookiin ta'uu dhabuu hin beeku. Rabbi hin beeka.
4
Inni waan dubbii namaatiin himamuuf dubbii namni dubbatuu hin dandeenne dhagaye.
5
Ani nama akkana jiruun boona. Waan kiyya ammoo, dadhabbii kiyya malee waan boonuun hin qabu.
6
Ani dhugaa waan dubbata'aaruuf, boonuu uduu barbaadee gowwaa hin ta'u; Haata'uu ammoo, eennullee waan na irratti argee fi waan na irraa dhagaye caalchisee akka na hin laakkoofneef, boonuu dhiiseera.
7
Kanaaf guddinna manaabaatiin akka hin boonne, ergamaa seexanaa ka foon kiyya qucutu naa kenname. Kunillee akka ani uf hin janyeef.
8
Kanaaf wonti kun akka na irraa ka'uuf hennaa sadihii Gooftaa kadhadhe.
9
Innillee, «Kennaan kiyya si gaya; hunni kiyyallee dadhabbii kee keessatti raawwatama naan jedhe; eeganaa hunni Kiristoosii akka na keessa buluuf gammachuu gudda'aan dadhabbii kiyyaan boonuu jaaladha.
10
Kanaaf waan Kiristoosiitiif dadhabbiin, xaaruun, rakkoon, ari'amu'uuf, dhiphachu'uun hin gammada. Yoo dadhabe waan hennaa san jabaadhuuf.
11
Waan booneef gowwaa ta'eera. Isin na giddisiiftan; isin silaa worra na galatoonfatu. Ani yoo womaa hin taanellee, ergamoota ijoo womanuu hin hanqadhu.
12
Dhuga'aan malkanni ergamoota isin jiddu'utti malkataa fi waan maalale'eetiin ajaa'ibni marti obsaan ta'e.
13
Ani ufii yoo isinitti ulfaachuu dhabadhe, kanaa achi woldaa biraa wonti hanqattaniin maali'iin ree? yakka kiyya kana naa dhiisaa'a.
14
Gara keessan dhufu'uuf qophayuun kiyya kun kunoo hennaa sadaffa'aati. Isinittillee hin ulfaadhu, isin malee waan isin qabdan waan hin barbaanneef abbootatu ijoolle'ee birrii kaaya malee, Ijoolleen abbootaaf birrii kuusuun hin ta'u.
15
Ani ammoo waan lubbuu keessaniitiif gammachuu gudda'aan birrii kiyya kaffala. Ufillee yoo ta'e, hin kaffalla; hagaa olitti yoo isin jaaladhe, waan kanaaf jaalalli keessan hin hanqataa?
16
Haata'uu ammoo ani isinitti hin ulfaadhu. Malaa fi sobaan waan harkatti isin galfadhe seetanii?
17
Karaa namoota gara keessan ergeetiin isin sobee?
18
Tiitoo gorseera. Isa woliin obboleessa isaa erge, Tiitoon isin sobee? Ayyaana tokkoon hin jiraannee? fedhii tokkoon hin jiraannee?
19
Waan keessaniif hennaa maraa waan uf qusannu isinitti fakkataa? Afoo Rabbiititti Kiristoosiin keessa taanee; dubbanna. Haata'uu ammoo jaalatamtoota, nu isin ijaaru'uuf maraa dubbanna.
20
Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in, na argitan jedhee sodaadha. Maallaataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.
21
Deebi'ee yoo dhufu isin birratti Waandhi kiyya akka na hin salphifne worra dura cubbuu hojjatanii fi waan battii godhaniif seebarrii, waan worra aagii hin galinii waan namoota hedduu maallaataa hin gadda jedhee sodaadha.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13