bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
2 Corinthians 10
2 Corinthians 10
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
1
Anuu Phaawuloosi hennaa isin bira jiru, nama kaso'o jedhame; hennaa isin biraa fagaadhu ammoo nama ija jabaatu jedhame; garalaafumma'aa fi fayyalummaa Kiristoosiitiin isin gorsa.
2
Akka waan aadaa biyya lafaatitti jiraannuu worra nu laakkawanitti amannee ija jabeennaan worra gari'itti dubbachuu yaaleera. Amantii kanaan ammoo isin birattillee akka waan ugguutitti akka na hin laakkoofne isin kadhadha.
3
Yoo ka akka adaa namaatitti jiraannu ta'ellee akka adaa namaatitti hin lolu.
4
Meeshaan keenna ka lolaa ka foonii waan hin taaneef kushee nama dhossuu diigu'uuf ammoo Rabbiin afo'otti cima'a.
5
Yaada namaallee ka beekkomsa Rabbii irratti kakka'u waan ol ka'e maraa hin diinna. Kiristoosiif ajajamu'uun sammuu maraa boojina.
6
Hennaa ajajamtan, ajajamuu diduu mara haluu bayu'uuf qophoofneerra.
7
Ka afoo keessan jiru laalaa'a. Eennullee ka Kiristoosii ta'uu ufii yoo hubate, nullee ka isaa ta'uu keenna haa hubatuu. Akkuma inni ka Kiristoosii ta'e, nullee akkasuma ka isaati.
8
Kanaafuu baallii Gooftaan nuu keenneef yoo guddaa uf jajellee itti hin saalfadhu. Baalliin kun isin ijaaru'uuf malee, isin diigu'uufii miti.
9
Eergaa kiyyaan waan isin naasisu isinitti hin fakkaatin.
10
«Eergaan suniinillee ulfaata'aa fi jaba'a, nafti isaa ammoo yoo laalan dadhaba'a. Dubbiin isaallee tuffatama'a» waan jedhaaniif.
11
Hennaa fagoo jirru, karaa dhaamsa keennaatiin dubbi'iinillee akkuma dubbanne akkasuma hennaa afoo jirru huji'iinillee akkasuma akka taane haa hubatanii.
12
Worra uf galatoomfatan gari garii woliin uf laakkayuu yookiin isaaniin wol bira uf qabuu waan hin uggineef, haata'uu ammoo isaan uf woliin yoo uf madaalan ufumaa wol bira qabanii uf waan laalaniif hin hubbatan.
13
Nu ammoo akka Rabbi nuu murteesse haga isin bira geennuufillee hulee tajaajila Rabbi nu kenneetitti uf ijaarra malee, hagaa olitti hin boonnu.
14
Nu hennaa gara keessan dhufne hulee nuu kenname waan hin lufneef, Oduu Nagayaa ka Kiristoosii lallaba'aa isin bira geenne.
15
Dadhabbii namoota biraatiin hagaa olitti hin boonu. Haata'uu ammoo amantaan keessan yoo guddate biyya isinii achii jirutti haga lallabnutti hujiin keenna eda'a'aa gara keennaan isin birratti akka kabajjamnu abdii goona. Waan garee biraatiin hojjatameen hin boonuu.
17
«Ka boonu ammoo, Goofta'aan haa boonuu» ka Rabbi galateefatuun malee, Ka ufi galateeffatu ammoo inni ka qoramee bayu waan hin taaneef.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13