bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
2 Corinthians 7
2 Corinthians 7
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
1
Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu. Isin garaa keessan nuu badhisaa'a.
2
Isin garaa keessan nuu badhisaa'a, nu eennuunillee hin yakkine. Eennuunillee hin miine eennuunillee hin sobne.
3
Kana murti'iif hin jedhu, tokkumma'aan du'u'uuf tokkumma'aan jiraachu'uuf, garaa keenna keessa akka jirtan firrisee jedheera.
4
Waan keessaniif amantaan kiyya gudda'a, sababaa keessaniif guddisee boona; guddisee jajjabaadheera; rakkoo keenna maraa keessatti ani hin gammada.
5
Hennaa gara Maqedooniya'aa dhufne waa maraanuu rakko'otu nu irra gaye malee, hara hin baafanne. Diida lolatu jira; keessa ammoo soda'atu jira.
6
Haata'uu ammoo Waandhi worra gaddan jajjabeessu dhufa Tiito'ootiin nu jajjabeesse.
7
Dhufuu isaa calla'aanii miti. Haata'uu ammoo, nuu yaaduu keessaniif booyicha keessan waan kiyyafillee hinaafuu keessan hennaa inni nutti himu, jajjabeenna nu isiniin jajjabaanneen akkasuma ka duraa caalaa gammanneerra.
8
Dhaamsi kiyya yoo isin gaddisiisee jiraate hin gaabbu, yoo gaabbellee dhaamsi sun hennaa diqqo'oof qofa akka isin gaddisiisee waan arga'aaruuf.
9
Amma ammo gammadeera, wonti gammadeef waan isin gaddisiiseef uduu hin taane, sababaa gadda keessaniitiif aagii galtanii waan jijjiiramtaniif.
10
Gaddi akka fedha Rabbii ta'e, ka gaabbiin keessa hin jirre, waan aagii gara fayyinnaa nama geessu ta'eef. Gaddi adunyaa tanaa ammoo du'a fida.
11
Gaddi akka fedha Rabbii ta'e kun jabaachuu attamii, deebii attamii, lola attamii, sodaa attamii, yaaduu attamii, hinaaffaa attamiitii fi gadoo bayuu attamii isin jiddu'utti godhe. Waan kanaan woyyoota akka taatan waan maraanuu hubachiiftaniirtan.
12
Eeganaa waan isinii barreessellee yoo ta'e, jabeenni waan keennaaf qabdan; isin biraa Rabbiin afo'otti akka mudhatuuf malee, waan ka yakkeetii fi yookiin waan ka yakkamee hin barreessine.
13
Kanaaf jajjabaanneerra. Waan jajjabaachuu keennaatii fi waan gammachuu Tiito'ootiif guddifnee gammanne. Qalbiin isaa isinitti waan harabaafateef.
14
Isaaf waan keessaniif yoo dhaadadhe waan hin saalfanneef, haata'uu ammoo waa maraa isinitti dhuga'aan akka dubbanne akkasuma ammoo boonuun keenna afoo Tiito'ootitti dhugaa ta'e.
15
Kanaaf soddachu'uu fi hollachu'uun attamitti akka isa simattan ajajamuu keessan maraa yaada'aa jaalalti inni isiniif qabu kana caalaa eda'ameera.
16
Waan maraanuu waan isin abdadheef guddisee gammadeera.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13