bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Chronicles 10
2 Chronicles 10
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 11 →
1
Israa'elooti marti mootii isa godhatiisaaf Sheekem waan dhaqaneef, Rehobiyaamille achi dhaqe.
2
Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, ka Solomoon duraa gara biyya Gibxi'ii baqateeru, oduu tana yennaa dhage'e, deebi'ee dhufe.
3
Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, isa waansitte; innii fi wolde'i Israa'elii marti, gara Rehobiyaamii dhaqanee,
4
«Abbaan keeti Solomoon waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera. Ati ammoo amma hujii ulfaattu'uu fi waanjoo ulfaattuu abbaan keeti nutti fe'e, yoo nuu sallitte, nuutille si'iif hin ajajanna» jedhane.
5
Rehobiyaam deebisee, «Amma deema'aatii, guyyaa sadiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedheen. Maarre kolbaan sun deebitee galte.
6
Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, jaarsolee dur abbaa isaa Solomooniif gorsa kennitu wolitti qabee, «Kolbaa tanaaf deebii attamii akka kennu natti gorsitan?» jedhee gaafate.
7
Isaan deebisanee, «Ati kolbaa tanaaf gadhaa laattee, isaan gammachiittee deebii dansaa yoo isaaniif deebitte, isaan yennaa mara si hin tajaajilan» jedhane.
8
Rehobiyaam ammoo gorsa jaarsole'ee tuffatee, dargaggoota isa woliin guddatte, ta isa gorsitu woliin mari'ate.
9
Inni, «Kolbaa, ‹Waanjoo abbaan keeti nutti fe'e, nutti sallisi!› jettu tanaaf deebii attamii kennina? Gorsa attamii naa kennitan?» jedhee isaan gaafate.
10
Isaan deebisanee, «Kolbaa ‹Abbaan keeti waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera; ati ammoo nutti sallisi!› jettu tanaan, ‹Qubi kiyya maandhich, hidha abbaa kiyyaa caala furdata.
11
Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'eera; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana› jedhiin» jedhane.
12
Akkuma mootichi, «Guyyaa sadiin duuba deebi'aatii, kowa'a» jedhe, Yerobi'aamii fi kolbaan martinuu deebi'anee, gara Rehobiyaamii dhufane.
13
Rehobiyaamiin mootichi gorsa jaarsoleen isaaf kennite tuffatee, xixxa'aan deebii isaaniif kenne.
14
Inni gorsa dargaggootaa fudhatee, «Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'e; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana» jedheen.
15
Maarre wonni kun Waaqa irraa waan teeteef, mootichi dubbii kolba'aa hin dhageenne; wonni Waaqi karaa Ahiiyaa nama biyya Shiiloniitiin, ilma Nebaatii Yerobi'aamitti dubbate tanaan muummotte.
16
Mootichi akka isaaniif dhage'uu dide Israa'elooti yennaa dhaggane, «Nuuti Daawiti woliin qooda maan qanna? Maatii abbaa isaa Iseyii biraa dhaala maan qanna? Ee Israa'el gara dunkaanii teessanii deebi'a'a! Ee sanyii Daawitii mana keetiif yaad» jedhanee, mootichaaf deebii kennane. Maarre isaan marti gara dunkaanii ifii deebi'ane.
17
Rehobiyaam ammoo Israa'eloota biyya Yihuda'aa keessa le'anu qofa irratti mootii te'e.
18
Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu Adoraam gara Israa'elootaa erge; isaan ammoo dhaka'aan tumanee isa ijjeesane. Rehobiyaamiin mootichi ammoo ariiti'iin garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara Yerusaalemii duraa baqate.
19
Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, haga adhaa namoota sanyii Daawitii irratti finqila kaasanee hafane.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36