bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Chronicles 19
2 Chronicles 19
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 20 →
1
Mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax nageyaan gara mana mootummaa ifii Yerusaalemitti deebi'e.
2
Ilmi Haanaanii Yehuun ka mudhii dhaggu Yoshaafaax fudhatiisaaf gad bayee, Yoshaafaaxii mootichaan, «Ati maaniif nama hamaa qarqaarte? Maaniif nama Mootii Waan Maraa jibbu jaalatte? Sababa kanaaf mufiin Mootii Waan Maraa sitti hin dhutti.
3
Te'uu malee, ati utuboota waaqa dharaa ta ‹Asheeraa› jedhantuu waan balleessiteef, qalbii takkatti'iin Waaqa waan barbaaddeef, wonni dansaan si keessa hin jirti» jedheen.
4
Yoshaafaax Yerusaalem keessa le'ee, Bersheeba'aa haga biyya koobittii Efreemii odduu kolba'aa bayee dhaqee, yaada kolba'aa gara Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii isaanii deebise.
5
Tana maleelle inni qachoota biyya Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu maraaf abbootii mura'aa filee,
6
abbootii mura'aa saniin, «Isin Mootii Waan Maraatiif malee, namaaf waan hin hunyeef, waan hujjanu hubadha'aatii huja'a. Muraa kenniisa irratti inni isin woliin jira.
7
Ammalle Mootii Waan Maraa sodaatiis isin bira jiraattuu ti. Haqa balleessuun yookiin nama wol caalchisuun yookiin safuu fudhachuun Mootii Waan Maraa Waaqa keenna bira waan hin jirreef, waan hujjanu maraaf ifi eegadha'a» jedhe.
8
Yoshaafaax worra Lewwootaatii fi worra hayyootaa keessaa, sooreyyii maatii Israa'elii keessalle'ee nama garii maqaa Mootii Waan Maraatiin haajaa moroma'aa murteessiisaaf muraa akka kennanu Yerusaalem keessalle'etti file. Isaan Yerusaalem keessa le'ane.
9
Inni qajeelfama isaanii kennee, «Isin Mootii Waan Maraa sodaatiisaan, addatamumma'aan, gadhaa tokkochaan hujadha'a.
10
Obboleeyyan teessan worra qachaa keessa le'u keessaa haajaa marroo dhiiga dhangalaasiisaa, marroo seera yookiin ajaja diigiisaa, marroo seerata yookiin qajeelfama diigiisaa yennaa isinitti dhikeeffatanu mara akka isaan Mootii Waan Maraa duratti hin yakkine, isaan ifi eeggachiisa'a; yoo akkas hin te'in mufiin isinii fi obboleeyyan teessan irratti hin dhutti. Isin yoo tana gootane yakkaameyyii hin teetanu.
11
Kunoo, waan Mootii Waan Maraa duudii ilaalchisee Amaariyaan hayyichi sooressi, waan mootichaa mara ilaalchisee ilmi Ishimaa'elii Zabaadiyaan, sooressi gosa Yihuda'aa isin irratti abbootii mura'aa te'aneeran. Worri Lewwootaalle sooreyyii te'anee isin tajaajilan. Mootiin Waan Maraa worra waan dansaa hujatu woliin jiraatii, jajjabaadha'aatii huja'a» jedhe.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36