bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Chronicles 11
2 Chronicles 11
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 12 →
1
Rehobiyaam gara Yerusaalemii yennaa dhufe, Israa'eloota lolanee gara mootummaa isaa akka deebisanuuf, gosa Yihuda'aatii fi gosa Beniyaaminii keessaa loltoota beekkamane kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama wolitti qabate.
2
Jechi Mootii Waan Maraa ammoo gara Shemaa'iyaa raagichaa dhufee,
3
«Mooticha Yihuda'aa ilma Solomoonii Rehobiyaamii fi kolbaa gosa Yihuda'aatii fi Beniyaaminii maraan,
4
‹Mootiin Waan Maraa: wonni te'e kun fedhii tiyya waan teeteef, obboleeyyan teessan loliisaaf ol hin bayina'a. Tokko tokkoon keessan gara mana keessanii deema'a! jedha› jedhiin» jedhe. Maarre isaan jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamanee, Yerobi'aamitti duuliisa lakkisanee deebia'anee galane.
5
Rehobiyaam Yerusaalem keessa tee'ee, diinota ifi irraa dhooggatiisaaf biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanu ijaarsise.
6
Qachooti inni ijaarsise sun Betlihem, Etaam, Teqo'aa,
7
Bet-Zuur, Sokoo, Adulaam,
8
Gaat, Maareshaa, Ziif,
9
Adoraayim, Laakiishi, Aazeqaa,
10
Zoraa, Ayalonii fi Kebroon. Qachooti dalleya dhaka'aa qabanu sun marti biyya Yihuda'aatii fi biyya Beniyaaminii keessatti ijaaramane.
11
Rehobiyaam dalleya dhaka'aa itti ijaarsisee, ajajjoota duulaa itti godhee, sagalee, Zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii, achi keessatti tuulchise.
12
Inni wonte'ee fi eboo hedduulle qachoota san keessatti tuulchisee, akka isaan guddoo jabaatanu godhe. Maarre inni akkanaan biyya Yihuda'aatii fi biyya Beniyaaminii toowannaa ifii jala galfate.
13
Hayyootii fi Lewwooti kutaa biyya Israa'elii ta kaabaa mara keessa jiranu gara Rehobiyaamii dhufane.
14
Lewwooti hayyoota te'anee Mootii Waan Maraa akka hin tajaajille, Yerobi'aamii fi ilmaan isaa waan isaan dhoogganeef, addee horii ifii itti tiffatanuu fi qabeenna ifii lakkisanee gara Yihuda'aatii fi gara Yerusaalemii dhufane.
15
Yerobi'aam fakkii waaqota dharaa ta korbeeyyii re'ootaatii fi jiboota jabbile'ee hujee, addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa irra dhaabee, hayyoota ifii ta achi tajaajilanu filate.
16
Gosa Israa'elii mara keessaa worri gadhaa ifii tokkochaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii Israa'elii hordofuu barbaadu marti ciincaa ifii dhikeessiisaaf, Lewwoota hordofanee gara Yerusaalemii dhufane.
17
Isaan karaa Daawitii mootichaatii fi Solomoonii mootichaa hordofanee, woggaa sadiif mootummaa Yihuda'aa jabeessanee, ilma Solomoonii Rehobiyaam qarqaarane.
18
Rehobiyaamiin kun intala Yeremootii ilma Daawitii Mahalaat fuudhe; haati isi'ii Abiihaayil intala Eliiyaabii ilma Iseyii ti.
19
Isiin ilmaan sad Ye'ush, Shemaariya'aa fi Zahaam isaaf deette.
20
Achiin duuba inni intala Abiishaalomii Ma'akaa fuudhe; isiin ilmaan afur Abiiyaa, Aataayi, Ziizaa fi Shelomiit isaaf deette.
21
Rehobiyaam niitolee ifiitii fi gursumeeyyii ifii mara caalaa, intala Abiishaalomii Ma'akaa jaalate; inni wolumatti niitolee kudhanii saddeetii fi gursumeeyyii jaatama, ilmaan diddamii saddeeti, ijoollee durraa jaatama qabaayyu.
22
Inni ilma ifii Abiiyaa ka Ma'akaa irraa uumate mootii godhiisa waan fedheef, ijoollee ifii ta dhibii mara irratti sooressa akka te'u isa file.
23
Rehobiyaam qarummaa ifiitiin ilmaan ifii garii kutaa biyya Yihuda'aa, taan kutaa biyya Beniyaaminii keessaa fi qachaa dalleya dhaka'aatiin ijaarame keessa babadhatanee akka le'anu godhe; inni sagalee bacaa isaaniif kennee, niitolee hedduulle isaan fuusise.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36