bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Chronicles 15
2 Chronicles 15
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 16 →
1
Ayyaanni Waaqaa ilma Odeedii Azaariyaa irratti dhufe.
2
Azaariyaan gara Aasaa mootichaa dhaqee, «Aasaa, isinille namooti Yihuda'aatii fi namooti Beniyaaminii marti na dhage'a'a! Yoo isin Mootii Waan Maraa woliin jiraattane, innille isin woliin hin jiraata. Yoo isa barbaaddane, innille isiniif hin dhaggama; yoo isa lakkittane ammoo, innille isin hin lakkisa.
3
Israa'elooti bara hedduu Waaqa dhuga'aa malee, hayyuu isaan barsiisu malee, seera malee le'ane.
4
Isaan yennaa rakkatane gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebi'anee, isa barbaadane; innille isaaniif dhaggame.
5
Bara san worri biyya lafaa irra le'u marti raafama guddaa keessa waan jiruuf, nami nageyaan bayee, nageyaan galulle hin jiruuyyu.
6
Waaqi badii gara garaatiin waan isaan rakkiseef, gosi biyya takkaa gosa biyya taanii balleessitee, qachaan tokko qachaa kaan balleesse.
7
Isin ammoo gatii eloo teessanii waan dhaggattanuuf, jajjabaadha'a, hin dadhabina'a» jedhe.
8
Aasaan raaga ilmi Odeedii Azaariyaan raage akkuma dhage'een jajjabaate; inni waaqota dharaa diqachiisaa lafa Yihuda'aa maraa fi lafa Beniyaaminii mara keessaa, qachoota biyya koobitti'ii ta Efreem qabate keessaalle'ee balleesse; addee ciinca'aa ta soroo Galma Mootii Waan Maraa dura jirtulle haaresse.
9
Mootiin Waan Maraa Waaqi Aasaa woliin akka jiru dhageettee, kolbaan bindillaan lafa Israa'elii mara keessaa gara isaa waan hiixxeef, inni namoota Yihuda'aa, namoota biyya Beniyaaminii, ka biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee, ka kutaa biyya Shimi'oon keessaa dhufane mara wolitti qabe.
10
Isaan, Aasaan mootii te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, woggaa san ji'a sadeesso'oo keessa Yerusaalemitti wolitti qabamane.
11
Boojuu guyyaa san fidane keessaa loon dhibba torba, hoolee kuma torba Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessane.
12
Isaan gadhaa tokkochaa fi qalbii takkatti'iin, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii barbaadatiisaaf Gondooroo godhanee,
13
isaan keessaa nami diqqaan yookiin guddaan, dhiirti yookiin dubartiin ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin waaqonfanne akka ijjeefamu godhane.
14
Isaan tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufanee, qoonqoo ifii ol qabatanee ililleetti'iin Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatane.
15
Namooti biyya Yihuda'aa marti gadhaa tokkochaan waan kakataneef, marroo kakuu saniitiif gammadaan firinxiixane. Isaan qalbii takkatti'iin Waaqa waan barbaadaneef, inni dhaggameef; karaa maralle'een isaan foorfachiise.
16
Aasaan mootichi akkoon isaa Ma'akaan, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, diqachiittuu waan hujjeef, inni giittummaa irraa isii buuse; fakkii isiin hujjelle caccassee, dhooqa Qedrooniititti gube.
17
Aasaan addee waaqonfanna'aa ta Israa'el keessaa duudi'iiyyuu diiguu dhabulle, bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif ifi kenne.
18
Inni meya adda addaa, meeti'ii fi worqii ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf adda baasane fidee, Galma Waaqaa keessa keye.
19
Aasaan mootii te'ee haga woggaa soddomii shaneesso'ootitti lolli dhibiin hin kaane.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36