bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Chronicles 8
2 Chronicles 8
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 9 →
1
Mootichi Solomoon Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa ka ifii woggaa diddama ijaareen duuba,
2
olloota Hiiraam isaaf kenne haaressee ijaaree, Israa'eloota achi keessa qubachiise.
3
Achiin duuba Solomoon gara biyya Haamaat-Zobaatii duulee qabate.
4
Inni ammalle goomolee keessatti qachaa Tadmoorii ijaareen duuba, kutaa Haamaatii keessalle'etti qachoota gootaraa midhaaniitii fi mana meya adda addaa ijaarsise.
5
Inni Bet-Horoonii Gubba'aatii fi Bet-Horoonii Jalaa ijaarsisee dalleya dhaka'aa itti ijaaree, karraa fi danqaraa itti tolche.
6
Akkasuma qachaa Ba'aalaatii, qachoota gootaraa midhaaniitii fi qachoota meya adda addaa mara, qachoota garreettaan fardaan harkifamu keessa tee'anuu fi qachoota abbootiin fardaa keessa le'anu, waan ijaaruu yaade maralle Yerusaalemitti, Libaanonitti, kutaa biyya ifii bulche mara keessalle'etti ijaarsise.
7
Sanyii Israa'elii ka hin te'in, worra achitti hafane mara Heetota, Amoorota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota,
8
sanyii isaanii ka Israa'elooti balleessuu lakkisanee lafa san keessatti hamburane mara, Solomoon haga adhaatitti isaan garboonfatee, akka isaaf tajaajilanu godhate.
9
Israa'eloota ammoo loltoota ifii, ajajjoota loltoota ifii, ajajjoota garreettota fardaan harkifamanuutii fi abbootii fardaa godhate malee, akka garbootaatitti hin hujisiifanne.
10
Mootichi Solomoon qondaaltota sooreyyii dhibba lamaa fi shantama qabaayyu.
11
Solomoon, «Addeen Saanduqi Gondooro'oo jirtu woyyuu waan teeteef, haati manaa tiyya mana mootumma'aa ka Daawitii mootii Israa'elii keessa le'uu isii hin barbaachisu» jedhee, haadha manaa ifii intala mootii Gibxi'ii qachaa Daawitii keessaa gara mana mootumma'aa ka isi'iif ijaaree geesse.
12
Achiin duuba Solomoon kennansa gubamu addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa, ta soro'oon duratti ijaare irratti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.
13
Inni akkuma Muuseen ajajetti guyyaa guyya'atti, guyyaa Sanbataatitti, baatii ji'aatitti, jila wogga'atti yennaa sad jilifantutti, jila daabboo uukoo hin qanneetitti, jila torbaan torbaatii fi jila gose'eetitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.
14
Inni seera abbaa ifii Daawitii hordofiisaan hayyoota hujii hujii isaaniititti, Lewwoota waan guyyaa guyya'aan barbaachisu hayyoota akka qarqaaranuuf, faaruulle'een leellisa akka dhikeessanu hujii hujii isaaniititti isaan ramade; inni ammalle akkuma nami Waaqaa Daawiti ajaje, worri karra eegu karra mara akka eeganu godhe.
15
Nami tokkolle waan mootichi marroo hayyootaatii fi Lewwootaa, akkasuma marroo mana qabeennaatii fi waan inni ajaje maraayyuu irraa hin gorre.
16
Guyyaa hundeen Galma Waaqaa keyantee jalqabee haga guyyaa ijaarsi dhumateetitti, hujiin Solomoonii marti teeteef. Maarre ijaarsi Galma Waaqaa hobba'e.
17
Achiin duuba Solomooniin mootichi gara qachaa Eziyon-Geberiitii fi qachaa Elootii ka biyya Edoomii keessa irga abbaaya'aa jiranuu dhaqe.
18
Hiiraamiin mootichi qondaaltota ifii keessaa harka worra hoboloo guddittii oofuu beekuutitti hoboloota gugurdo'oo fi namoota waan abbaaya'aa beekanu Solomooniif erge; jarri sun qondaaltota Solomoonii woliin lafa Ofiirii dhaqanee, worqii gara kiiloogiraama kuma kudhanii shanii ol Solomoonii mootichaaf fidane.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36