bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Chronicles 16
2 Chronicles 16
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 17 →
1
Aasaan mootii te'ee woggaa soddomii jayeesso'ootitti, mootiin Israa'elii Baashaan Yihuda'atti duule; karaa saniin nami gara biyya Yihuda'aa akka hin seenne, achi keessalle'ee akka hin baane qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaaruu jalqabe.
2
Achiin duuba Aasaan addee qabeenni Galma Waaqaatii fi qabeenni mana mootumma'aa ka isaa jiru keessaa meeti'ii fi worqii fuudhee, mooticha Sooriya'aa Ben-Hadaad ka Damaasqoo keessa tee'ee bulchuuf ergee,
3
«Akkuma abbaa keetii fi abbaa kiyya wodhakkaa Gondooroon jirtu, anaa fi si wodhakkaalle Gondooroon jiraattuu ti. Kunoo, ani meeti'ii fi worqii sii ergeera. Akka inni na irraa deebi'uuf Gondooroo mooticha Israa'elii Baashaan woliin qaddu san diigi» jedhe.
4
Ben-Hadaadille Aasaa mootichaaf tole jedhee, ajajjoota loltoota ifii gara qachoota Israa'elii erge; isaan Iyoon, Daan, Abeel-Maayimii fi qachoota mey itti kuufamu ka biyya Niftaalemii keessaa mara qabatane.
5
Baashaan tana yennaa dhage'e, dalleya dhaka'aa ka qachaa Raama'atitti ijaaruu jalqabe san lakkisee, hujii ifii dhaabbachiise.
6
Achiin duuba Aasaan mootichi namoota Yihuda'aa mara fidee, dhaka'aa fi muka Baashaan ittiin dalleya dhaka'aa ka Raama'atti ijaaruu jalqabe san fudhatee, dalleya dhaka'aa Geba'aa fi Miispha'atti ijaare.
7
Yennaa Haanaaniin mudhii dhaggu gara Aasaa mooticha Yihuda'aa dhufee, «Ati mootii Sooriya'aatitti ciqilfattee, Mootii Waan Maraa Waaqa keetitti ciqilfatuu waan dhaddeef, loltooti Israa'elii si jalaa miliqaneeran.
8
Loltooti Itoophiya'aatii fi loltooti Liibiya'aa loltoota bindillaa hunnaameyyii garreettaa fardaan harkifamu heddu'uu fi abbootii fardaa heddu'uun lolanuu motiiyyuu? Te'uu malee, ati Mootii Waan Maraatitti waan ciqilfatteef, inni harka keetitti dabarsee isaan kenne.
9
Worra gadhaa tokkochaan isatti ciqilfatuuf, qarqaarsa jabaa kenniisaaf, ilti Mootii Waan Maraa biyya lafaa duudii hin ilaalti. Ati waan kana gowwumma'aan hujje; tanaaf haganaa achi woraanni sitti hin ka'a» jedhe.
10
Wonni kun Aasaa waan aarsiteef, inni ka mudhii dhaggu san mana hidha'aatitti galchee, miila isaa jirma lama oddu'utti hiisise; bara san Aasaan akkasuma kolbaa ifii keessalle'ee namoota tokko tokko farrisiise.
11
Wonni Aasaan bara bulchiinsa ifii huje, jalqabaa haga muumme'eetitti kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aatii fi mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
12
Aasaan mootii te'ee woggaa soddomii sagaleesso'ootitti dhukkuba miilaatiin qabame; dhukkubi sun ittuma jabaataa deemulle, inni cidheeyyii qofa barbaadate malee, qarqaarsa Mootii Waan Maraa hin barbaanne.
13
Achiin duuba Aasaan motii te'ee woggaa afurtamii tokkeesso'ootitti du'e.
14
Isaan addee awwaalaa ta inni ifiif qachaa Daawitii keessatti qopheeffate keessatti isa awwaalane. Isaan taqee uddowaa adda addaatii fi fiqire'een uddeeffante irra isa irkisane. Isaan ulfinna isaatiif ibidda guddaa goolane.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36