bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Chronicles 17
2 Chronicles 17
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 18 →
1
Ilmi isaa Yoshaafaax addee Aasaa abbaa ifiititti mootii te'ee, Israa'el loliisaaf ifi jabeeffate.
2
Inni qachaa biyya Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara keessa loltoota keye. Lafa Yihuda'aa keessa qachaa Efreemii ka abbaan isaa Aasaan qabate mara keessalle waardiyoota ifii keye.
3
Yoshaafaax akkuma abbaan abbootii isaa ta durii Daawiti jalqaba mootummaa ifiititti deddeebi'e waan deddeebi'eef, Mootiin Waan Maraa isa woliin jiraate; inni Ba'aal hin barbaanne.
4
Inni Waaqa abbaa ifii barbaadatee, ajaja isaa hordofe malee, akka mootota Israa'elii ta isaan qaraa hin deddeebine.
5
Tanaaf Mootiin Waan Maraa mootummaa Yoshaafaaxii ta Yihuda'aa harka isaatitti jabeesse. Namooti Yihuda'aa marti kennansa adda addaa isaaf fidanee, inni durumma'aa fi ulfinna guddaa dhaggate.
6
Gadhaan isaa Mootii Waan Maraatiif ajajamiisaaf jajjabaatee, addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaatii fi utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu biyya Yihuda'aa keessaa balleesse.
7
Yoshaafaax mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti qachoota biyya Yihuda'aa keessatti akka barsiisanuuf qondaaltota ifii keessaa Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakaariyaas, Naataani'elii fi Miikiyaas erge.
8
Isaan Woliin Lewwoota keessaa: Shemaa'iyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaa'el, Shemiiraamoot, Yonaataan, Adoniyaa, Tobiiya'aa fi Tob-Adoniyaa, hayyoota keessaalle'ee Elshaama'aa fi Yehoraam erge.
9
Isaan Kitaaba Seera Mootii Waan Maraa fuudhanee dhaqanee, qachoota Yihuda'aa keessatti kolbaa barsiisane. Isaan qachoota Yihuda'aa mara keessa deemanee odduu kolba'aatitti barsiisane.
10
Gosi biyya adda addaa ta adaala biyya Yihuda'aa jirtu Mootii Waan Maraa waan sodaatteef, Yoshaafaax irratti lola kaasuu hin barbaanne.
11
Worri Filisxeemotaa gariin Yoshaafaaxii mootichaaf kennansa hedduu fidanee, meetiille gabbarane; worri Arabaalle korbeeyyii hoole'ee kuma torbaa fi dhibba torba, korbeeyyii re'e'ee kuma torbaa fi dhibba torba fidanee isaaf kennane.
12
Yoshaafaax ittuma guddataa, jabaataalle ideeme. Inni biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanuu fi qachaa gootaraa midhaaniitii fi meya adda addaa itti galchanu ijaare.
13
Inni qachaa biyya Yihuda'aa keessatti sagalee bacaa tuulchisiise; loltoota jajjaboolle qachaa Yerusaalemii keessa keye.
14
Laakkossi isaanii akka maatii maatii isaaniititti asii gad jiran: Yihudaa keessaa ajajaan kumaa Adina'a; inni loltoota jajjaba kuma dhibba sad ka ajaju.
15
Isatti aanee Yohaannaan ajajaan loltootaa, loltoota kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama ka ajaju.
16
Isatti aanee ajajaan loltootaa Amaasiyaan ilmi Ziikrii, ka Mootii Waan Maraatiif tajaajiliisaaf fedha qabu, loltoota jajjaba kuma dhibba lama ka ajaju.
17
Gosa Beniyaaminii keessaa Eliyaadaan, loltichi janni loltoota kuma dhibba lama worra guube'ee fi wonte'een lolu ka ajaju.
18
Isatti aanee Yehozaabaad loltoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama lolaaf qophowane ka ajaju.
19
Isaan kun worra mootichi biyya Yihuda'aa keessaa qachoota dalleya dhaka'aa qabanu mara akka eeganuuf keessa keye adoo hin dabalatin worra qofitti isa tajaajilane.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36