bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Chronicles 4
2 Chronicles 4
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 5 →
1
Mootichi Solomoon addee ciinca'aa ta sageettu'uu ta dheerinni isi'ii ciqilee diddamaa, badhinni isi'ii ciqilee diddamaa, hojjaan isi'ii ciqilee kudhanii huje.
2
Akkasuma inni waabaa bisaanii ka badhinni afaan isaa ciqilee kudhanii, hojjaan isaa ciqilee shanii, keessi gadhaa isaa ciqilee soddomaa sageettuu irraa huje.
3
Xiyyoo afaan waaba'aa jalatti fakkiin korommi'iin naanneffamanee hujamaneeran; waabaa bisaanii san irratti ciqilee tokko tokko irratti fakkiin korommi'ii kudhan kudhaniin tarree lamaan waabaa san woliin wolitti baqisiifamanee hujamaneeran.
4
Waabaan bisaanii sun dudda korommii kudhanii lamaa ta sageettuu irraa hujantee san irra dhaabbata; korommiin sun sad gara kaabaa, sad karaa aduun seentu, sad karaa kibbaa, sad karaa aduun baatu fuula galanee dudda wolitti garagalanee dhaabbataneeraniiyyu; waabaan bisaanii sun dudda isaanii irra jiraayyu.
5
Furdinni waaba'aa haga badhinna barruu harkaa, xiyyoon afaan isaa akka afaan sini'ii gara duubaa garagalee hujamee daraaraa suufi'ii fakkaata; waabaan sun litirii kuma jaatama qabata.
6
Achiin duuba inni kennansi gubamu akka itti dhiqamuuf, qorii kudhan hujisiisee, shan gara kaabaatiin, shan gara kibbaatiin keye; waabaa bisaanii san hayyoota qofatti itti dhiqataayyu.
7
Inni akkuma seeraatitti, waan issaa irra keyanu worqii irraa hujee, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessa keye.
8
Akkasuma inni xarapheessaa kudhan hujee, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessa keye; inni ammalle qorii worqi'ii dhibba tokko huje.
9
Inni badhinna dalleya keessaa ka Hayyootaa hujee, badhinna dalleya keessaa guddichalle hujee, balbaloota san sageettuu itti gonfe.
10
Waabaa bisaanii san Galma Waaqaa irraa gara kibbaa karaa aduun baatuun keye.
11
Huraamille okkotee, akkaafa'aa fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu huje. Maarre inni meya Galma Waaqaa, Solomoonii mootichaaf hujee akkuma waadaa galetti fixe; mey inni huje ka asii gad jiru:
12
utuboota lama, qaccee utubootaa irratti guutuu akka qori'ii jirtu lama, guutuu akka qori'ii jirtu ta qaccee utuboota irraa san seesiisaaf caccoo sibiilaa lama,
13
guutuu akka qori'ii jirtu ta qaccee utubootaa irraa lamaan san seesiisaaf, waan akka midhaan rumaanii dhibba afur, tokko tokkoo isaaniitiif, waan akka midhaan rumaanii san tarree lama lamaan keye.
14
Inni waan meya irra keyanulle qorii itti dhiqatanu ta isii irra keyanu woliin,
15
waabaa bisaaniitii fi fakkii korommi'ii kudhanii lama ta waabaa jalaa,
16
okkotoota, akkaafota, filaa fooniitii fi meya waan kana woliin hujii gubbaa oolanu mara sageettuu morodante irraa, tajaajila Galma Mootii Waan Maraatiif akka te'anu mooticha Solomooniif huje.
17
Mootichi Solomoon meya kana mara, dhooqa Yordaanosii keessatti addee faara itti dhowanutti Suukootii fi Zaaretaan wodhakka'atti hujisiise.
18
Mey mootichi Solomoon hujisiise kun marti hedduu waan te'eef, kiiloon sageettuu sanii hagana jedhamee hin beekkamuuyyu.
19
Maarre Solomoon meya Galma Waaqaa keessa ittiin tajaajilanu: addee ciinca'aa worqii irraa, xarapheessaa daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu,
20
akkuma seera isaaniif kennametti waan issaa irra keyanu ka worqii qulluu irraa hujamanee fi issaa isaan irra keyamanu ka addee irra caalaa woyyittii duratti ifanu,
21
worqii qullittii irraa waan akka daraara'aatitti miidhaffamane, issaa, qaraphaa,
22
qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, girgiraa hixaanaa, bassoo daadhaa ittiin haranuu worqii qulluu irraa hujisiise. Balbalooti keessaa ta Addee Irra Caalaa Woyyitti'iitii fi balbalooti Galma Waaqaa ta gara kutaa guddo'oo seenanu worqii qulluu irraa hujamaneeran.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36