bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Chronicles 5
2 Chronicles 5
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 6 →
1
Mootichi Solomoon hujii Galma Mootii Waan Maraa duudii fixeen duuba, waan abbaan isaa Daawiti hujii tanaaf adda baase mara meetii, worqi'ii fi meya mara mana meyaa ka Galma Waaqaa keessa keye.
2
Achiin duuba Solomoon jaarsolee Israa'elii mara, sooreyyii gosa Israa'eliitii fi maatii Israa'eloota mara Yerusaalemitti waansisee, qachaa Daawitii Xiyoon keessaa Saanduqa Gondooro'oo akka fidanuuf ajaje.
3
Namooti Israa'elii marti yennaa jila ji'a torbeesso'oo keessa jilifatanu mooticha biratti wolitti qabamane.
4
Jaarsoleen Israa'elii marti wolitti qabamaneen duuba, Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo fuudhanee,
5
gara Galma Waaqaa geessane; Lewwooti hayyoota te'ane Dunkaanii Woldeenna'aatii fi meya woyyicha isii keessaa mara ba'atanee ol fidane.
6
Mootichi Solomoonii fi wolde'i kolbaa Israa'elii marti Saanduqa Gondooro'oo duratti wolitti qabamanee hoole'ee fi korommii hedduu ta laakkossi isaanii hagana hin jedhanne ciincaa dhikeessane.
7
Achiin duuba hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ta Mootii Waan Maraa gara Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta Galma Waaqaa keessaa geessanee, koola dada ol-gubba'aa ta koola qadduu jala keyane.
8
Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun addee Saanduqa Gondooro'ootiin gubbaa koola ifii diriirsanee, Saanduqa Gondooro'ootii fi danqaroota isi'ii gollaneeran.
9
Danqarooti sun guddoo dhedheeraa waan te'aneef, qacceen isaanii nama Galma Waaqaa keessa addee irra caalaa woyyittii dura dhaabbatutti hin mudhatti; nama Galma Waaqaatiin ala jirutti hin mudhattu; danqarooti sun haga adhaalle achuma jiran.
10
Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate, Mootiin Waan Maraa isaan woliin Gondooroo yennaa godhe, gaara Siina'aa irratti, dhakaa baxxicha lamaan ajaji kudhan irra jiru, ka Muuseen achi keessa keye malee, wonni dhibiin Saanduqa Gondooro'oo san keessa hin jirtu.
11
Hayyooti Galma Waaqaa keessaa gad bayane. Hayyooti worri achi jiranu martinuu, ka badoon hujii isaanii yennaa san hin te'inille ifi woyyoonsane.
12
Lewwooti faarfattooti marti, Asaaf, Hemaanii fi Yedutuun, ilmaan isaaniitii fi dhiirti fira isaanii achi jiraniiyyu; isaan woyaa dansaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatanee, addee ciinca'aa irraa karaa aduun baatu dhaabbatanee, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, maseenqo'oo fi kiraaraan faarfatane. Hayyooti dhibbaa fi diddam isaan cinaa dhaabbatanee tultullaa afuufane.
13
Worri tultullaa afuufuu fi faarfattooti qoonqoo ifii wolqixxeessanee woliin faarfatanu Mootii Waan Maraa leellifatane; isaan tultulla'aan, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, meya gara garaatiin, qoonqoo guddoolle'een, «Inni dansa'a; jaalalli isaalle haga bara baraa hin jiraata» jedhanee, Mootii Waan Maraa leellifatane. Achiin duuba duumensi Galma Mootii Waan Maraa guute.
14
Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa waan guuteef, sababa duumensaatiif, hayyooti tajaajila ifiitiif dhaabbatiisa hin dandeenne.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36