bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
2 Chronicles 14
2 Chronicles 14
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 15 →
1
Abiiyaan mootichi du'ee, qachaa Daawitii keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan addee isaatitti mootii te'e; bara mootummaa isaa biyyi woggaa kudhan nageya dhaggatte.
2
Aasaan waan dansa'aa fi sirrii te'e fuula Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti huje.
3
Inni addee ciinca'aatii fi addee waaqonfanna'aa ta waaqota ormaa diigee, soodduu akka woyyu'uutitti ilaalanu butuchee, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu jijjisse.
4
Namooti Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii akka barbaadanu, seeraa fi ajaja isaalle akka eegatanu ajaje.
5
Inni ammalle addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaatii fi addee ciinca'aa ta waaqota dharaatiif hixaana irratti aarsanu ta qachoota Yihuda'aa mara keessaa balleesse. Bara bulchiisa isaa mootummaan nageya dhaggatte.
6
Biyyi nageya waan qabaatteef, inni biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanu ijaare. Mootiin Waan Maraa foora waan isaa kenneef, bara san keessa woraanni isatti hin kaane.
7
Inni namoota Yihuda'aatiin, «Biyyi tun harka keenna jala waan jirtuuf, kowa'a, qachoota kana ijaarree, dalleya xelleephoo qabu itti naannessinee, karra itti baafannee, danqaraa itti goona. Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan barbaanneef, inni karaa maraan foora nuu kenneera» jedhe. Maarre isaan ijaarane; isaaniif milkootte.
8
Aasaan mootichi, Yihudaa keessaa loltoota kuma dhibba sad ta wontee gugurdo'oo fi eboo qabanu, gosa Beniyaamin keessalle'ee loltoota kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama ta wontee didiqqo'oo fi daaya qabanu qabaayyu. Loltooti sun marti loltoota jajjaba dandeettii qabanu.
9
Nami biyya Itoophiya'aa Zeraan loltoota miliyoona tokkoo fi garreettaa fardaan harkifamu dhibba sadiin isaanitti duuliisaaf bayee haga Maareshaa dhufe.
10
Aasaan isa loliisaaf gad baye; isaan dhooqa Zefaata'aa ta Maaresha'atti dhikoo jirtu keessatti wol loliisaaf addee qabatane.
11
Achiin duuba Aasaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waammatee, «Ee Mootii Waan Maraa, ka akka keeti worra dadhabaa qarqaaree, worra hunnaameyyii jalaa baasuu dande'u hin jiru. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, nuuti si addannee maqaa keetiin loltoota bindillaa tana loliisaaf baaneerraa, ati nu qarqaar. Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa keenna; nami tokkolle si hin injifatin» jedhe.
12
Maarre Mootiin Waan Maraa fuula Aasaa mootichaatii fi worra Yihuda'aa duraa worri Itoophiya'aa akka injifatamanu godhe; isaanille baqatane.
13
Aasa'aa fi loltooti isaa haga Geraariititti isaan ari'ane; gaafas loltoota Itoophiya'aa keessaa hedduun waan dhumataneef, worri hafe jabaatiisa hin dandeenne; isaan Mootii Waan Maraatii fi loltoota isaa duratti waan bututaneef, loltooti Yihuda'aa boojuu bacaa dhaggatane.
14
Mootiin Waan Maraa namoota qachoota adaala Geraarii jiranu mara waan bararasseef, loltooti Yihuda'aa qachoota adaala sanii mara injifatane. Isaan qachoota san mara saamanee, boojuu bacaa guuratane.
15
Isaan moonaa hori'ii diiganee hoolee, re'ootaa fi gaala hedduu booji'anee, gara Yerusaalemii deebi'ane.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36