bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Proverbs 16
Proverbs 16
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 17 →
1
Nami gadhaa ifiititti hin yaadata; yaada san guutuu ka dande'u ammoo Mootii Waan Maraa qofa.
2
Nami akka ifiif ilaalutti karaan isaa marti qulqulluu isatti fakkaata; yaada gadhaa isaa ammoo Mootiin Waan Maraa hin madaala.
3
Waan gootu mara Mootii Waan Maraatitti magannee kennadhu; wonni ati yaaddu marti si'iif hin milkootti.
4
Mootiin Waan Maraa waan mara sababa dadeef qaba; worra hamaaleyyi'iifille inni guyyaa badi'ii qopheesseera.
5
Mootiin Waan Maraa worra kooru hin jibba; isaan ijjumaa adabbii jalaa hin bayanu.
6
Jaalalaa fi addatamumma'aan nama yakkeef araarri godhama; Mootii Waan Maraa sodaatiisaan nami waan hantuu irraa fagaata.
7
Karaan namaa Mootii Waan Maraa yennaa gammachiise, diinoti isaatuu isa woliin nageyaan le'an.
8
Qabeenna bacaa karaa haqa hin te'iniin dhaggatanuu mannaa, qabeenna diqqaa karaa balchumma'aatiin dhaggatanu woyya.
9
Nami gadhaa ifii keessatti karoora hin baafata; Mootiin Waan Maraa ammoo karoora isaa san hin murteessa.
10
Mootiin akka Mootii Waan Maraa dubbata; afaan isaa haqa hin dassu.
11
Madaallii fi safarri sirrii te'e ka Mootii Waan Maraa ti; dhakaan madaalli'ii martinuu hujuma isaa ti.
12
Barcumaan mootumma'aa balchumma'aan waan jabaatuuf, moototi hujii hantuu jibbuu qaban.
13
Moototi dubbii dhuga'aatitti gammadan; nama dhugaa dubbatu jaalatan.
14
Mufiin mooti'ii akka ergamaa du'aa ti; nami qaroon ammoo mufii hin qabbaneessa.
15
Fuulli mooti'ii yennaa ifu jiruun jirti; isa biratti fudhatama dhaggatiis akka rooba furmaataa ti.
16
Worqii dhaggatiisa irra qarummaa dhaggatiis, meetii caalaa hubantii filatiis attam attam caalti!
17
Kolbaan dansaan waan hantuu irraa fagaatti; nami karaa ifii eeggatu jiruu ifii eeggata.
18
Ifi jajuun badiisatti, koorri jigiisatti nama geessa.
19
Worra kooru woliin boojuu qoodamiisaa mannaa, worra hiyyeeyyii woliin gad ifi qabiisa woyya.
20
Nami gorsa dhage'u, qananummaa dhaggata; nami Mootii Waan Maraa addatulle hin gammada.
21
Worri qaroon «Qalbeeffattoota» jedhaman; dubbiin mi'oottuun beekkumsa namaaf dabalti.
22
Qarummaan worra isii qabuuf madda jiru'uu ti; gowwummaan ammoo worra gowwa'atti adabbii fiddi.
23
Nami qaroon itti yaadatee dubbata; dubbiin afaan isaa nama barsiitti.
24
Dubbiin dansaan akka nadhii dammaa ti; namatti mi'ootti; lafee namaatiifille fayyinna kenniti.
25
Karaan namatti qajeelaa fakkaatu jira; dhuma irratti ammoo gara du'aa geessa.
26
Fedhiin sagale'ee akka nami jabaatee huju gooti; beeltille huji'itti isa kakkaachi.
27
Nami badaan waan hantuu mala dhowa; dubbiin isaalle akka ibiddaa nama guddi.
28
Nami micciiramaan lola kaasa; nami nama hamatu jaalota gargar baasa.
29
Nami hunnaan nama irratti ka'u ollaa ifii karaa irraa milissa; daandii dansaa hin teennelle'etti geessa.
30
Nami ilaan qiphifatu hammeenna mala dhowa; ka hidhii ciniinnatulle hammeenna yaadata.
31
Arriin kallacha ulfinnaa ti; isiin jiruu balchumma'aatiin dhagganti.
32
Nama hunnaamessaa mannaa, nama ossataa woyya; nama hunnaan qachaa tokko qabatuu mannaa, nama ifi qabatu woyya.
33
Murtee godhatiisaaf kolbaan hixaa buufatti; waan mara ka murteessu ammoo Mootii Waan Maraa ti.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31