bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Proverbs 4
Proverbs 4
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 5 →
1
Ilmaan tiyya, gorsa abbaa keessanii caqasa'a; itti xiyyeeffadha'aatii, hubantii dhaggadha'a.
2
Ani barsiisa kiyya dansaa isiniif kenna; maarre isin barsiisa kiyya hin lakkisina'a.
3
Yennaa ani mana abbaa kiyyaatitti mucaa diqqa'aa, haadha tiyyaaf ilma tokkochaa san,
4
abbaan kiyya na barsiisee, «Jecha kiyya mara gadhaa tokkochaan qabadhu; hin leetaa, ajaja kiyya eegadhu.
5
Qarummaa dhaggadhu; hubantii qabaadhu; jecha kiyya hin dedhin yookiin irraa hin deebi'in.
6
Qarummaan gollaa sii teetii, isii hin dedhin; si eeddiitii, isii jaaladhu.
7
Qarummaan waan mara caalti; tanaaf isii dhaggadhu. Waan ati qaddu mara si kaffalchiittulle, hubantii bitadhu.
8
Ulfinna isi'iif kenni; isiille ol si qaddi; isii hanqafadhu; isiille ulfinna si'iif hin kenniti.
9
Isiin daraaraa seesaaf wolitti hidhame, mataa keeti irra hin keetti; kallacha dansaa si'iif hin kenniti» jedhe.
10
Ilma kiyya caqasi; barri le'ii teetii akka heddatu, jecha kiyya fudhadhu.
11
Ani karaa qarumma'aa si barsiiseera; daandii qajeelaa irra si sooresseera.
12
Yennaa ideentu karaan sitti hin dhiphatu; yennaa rukkittulle hin gufattu.
13
Gorsa sii kenname jabeessii qabadhu; gad hin lakkisin; jiruu teeti waan te'eef, midhassii eegadhu.
14
Daandii worra hama'aa hin hordofin yookiin karaa worra hantuu hujuu irra hin deemin.
15
Karaa san irraa fagaadhu; irraa deebi'iitii, karaa keeti deemi.
16
Isaan haga waan hantuu godhanutti dande'anee hin rafanu; haga nama dokonkorsanutti foora hin qabanu.
17
Isaan sagalee hammeennaa nyaatan; daadhii woyni'ii ta hunnaan nama irratti ka'iisaa unan.
18
Daandiin balchoole'ee akka ifa barii ganamaa, ka haga orra'aatitti ifaatuma ideemuu ti.
19
Daandiin worra hama'aa ammoo akka dukkana dimmaa ti; isaan waan isaan gufachiisu hin beekanu.
20
Ilma kiyya waan ani jedhutti xiyyeeffadhu; jecha kiyya midhassii caqasi.
21
Isaan ila teeti duraa hin gorin; gadhaa keeti keessatti qabadhu.
22
Isaan worra isaan dhaggatuuf jiru'u; nafa isaanii maraaf fayyinna.
23
Maddi jiruu teetii qalbii waan teeteef, waan mara caalaa qalbii teeti eegadhu.
24
Dubbii micciiriisa afaan keeti irraa fageessi; dubbii malaamaltumma'aa irraa hidhii teeti eegadhu.
25
Ilti teeti gara fuula duraa qajeelaa ilaaltuu ti; ifiin dura qofa ilaali.
26
Daandii miilli keeti irra deemu, wol qixxeeffadhu. Karaan keeti dansaa te'uu ti.
27
Gara middaa yookiin gara bita'aa hin gorin; miila keeti waan hantuu irraa eegadhu.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31