bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Proverbs 22
Proverbs 22
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 23 →
1
Durummaa guddo'oo mannaa, maqaa dansaa woyya; meeti'ii fi worqii caalaa fudhatama qabaachuu woyya.
2
Isaan lamaanuu ka dade, Mootii Waan Maraa waan te'eef, dureessii fi hiyyeessi wol qixxe'e.
3
Nami qalbeeffataan balaa dhaggee dhokata; nami gowwaan ammoo ittuma ideemee rakkata.
4
Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiis karra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan.
5
Karaa namoota hama'aa keessa qore'ee fi tiyyo'otti jira; nami ifi eegatu ammoo irraa fagaata.
6
Ijoollee karaa sirri'ii barsiisi; yennaa dulloomanelle isaan karaa san irraa hin goranu.
7
Dureessi hiyyeessa bulcha; ka liqeeffatulle ka liqeessuuf tajaajila'a.
8
Nami hammeenna facaasu rakkoo haammata; uleen aarii isaalle hin baddi.
9
Sagalee ifii hiyyeeyyii woliin waan qoodamuuf, nami arjaan hin eebbifama.
10
Nama murgu gad baasi; wol dhabille hin baya; lolli, arrabille hin jiraatu.
11
Nami yaada qullu'uu fi dubbii qulluu jaalatu, jaala mooti'ii hin te'a.
12
Ilti Mootii Waan Maraa beekkumsa eeddi; dubbii worra hin addatannee ammoo inni hin balleessa.
13
Nami booseyi, «Neenqi ala jira! Yookiin ani karaa irratti hin du'a» jedha.
14
Afaan dubartii gaarayyeeffattu'uu akka boolla qile'ee ti; nami Mootii Waan Maraa abaare isii keessa bu'a.
15
Gowwummaan yaada ijoolle'ee qabatteerti; uleen xixxa'aa ammoo gowwummaa isaan irraa hin fageessiti.
16
Nami durummaa ede'atiisaaf hiyyeessa cunqursu, ka dureessaaf kennansa kennulle lamaanuu hin hiyyoommatan.
17
Gurra keeti itti qabadhuutii, Waan qaroon jedhu caqasi! Gadhaa keeti gara barsiisa kiyyaa deebifadhu!
18
Isiin dansaa waan teeteef, gadhaa keetitti qabadhuutii, yennaa mara marroo isi'ii dubbadhu.
19
Akka ati Mootii Waan Maraatitti addattuuf, ani adha si barsiisa.
20
Jechoota gorsaatii fi beekkumsaa soddoma ani si'iif hin barreessinee ree?
21
Worra si erguuf deebii dhuga'aa akka deebittuuf, dhuga'aa fi jecha dhuga'aa ani si hin barsiinnee ree?
22
Worra hiyyeeyyii waan hiyyeeyyii te'aneef hin saamin; worra rakkataa addee mura'aatitti hin farrisiisin.
23
Mootiin Waan Maraa isaaniif waan falmatuuf, nama isaan saamu hin saama.
24
Nama aarammeessa jaala hin godhatin; nama dafee aarutti hin maxxanin.
25
Ati isa irraa barattee, tiyyoo isaa keessa seenta fa'a.
26
Nama waada'aaf harka namaa dhowu, yookiin liqa'aaf wobii dabaru hin te'in.
27
Ati waan kaffaltuu yoo dhadde, itilleen teeti si jalaa hin fuudhatanti.
28
Dhakaa meessa'aa ka durii ka abbootiin durii dhaabane adde'ee hin munyuussin.
29
Ati nama hujii ifiitiin leenji'eeru dhaggiteertaa? Inni mootota dura tajaajila malee, nama mara dura hin tajaajilu.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31