bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Proverbs 3
Proverbs 3
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 4 →
1
Ilma kiyya, waan ani si barsiisu hin dedhin; ajajoota kiyya gadha'atti qabadhu.
2
Isaan guyyoota sii ede'anee, woggoota hedduu si leesisan; qananumma'aa fi nageya sii kennan.
3
Mararti'ii fi addatamummaa ijjumaa hin lakkisin; morma keetitti hidhadhu; gadhaa keeti keessatti qabadhu.
4
Achiin duuba ati Waaqaa fi nama duratti fudhatamaa fi maqaa dansaa hin dhaggatta.
5
Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu; hubantii teetitti hin irkatin.
6
Karaa keeti maraan isa beeki; inni daandii teeti si'iif hin qajeelcha.
7
«Ani qaro'o!» ifiin hin jedhin; Mootii Waan Maraa sodaadhu; waan hantuu irraa fagaadhu.
8
Kun nafa keetiif fayyaa, lafee teetiifille jabeenna hin te'a.
9
Qabeenna keetiin, midhaan keeti mara keessaa mataa kenniisaan, Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenni.
10
Achiin duuba gootaraan keeti midhaaniin hin guutama; daadhiin teeti waabaa guutantee irra hin danbalaati.
11
Ilma kiyya, qajeelcha Mootii Waan Maraa hin tuffatin; xixicha isaalle hin jibbin.
12
Abbaan ilma itti gammadu akkuma qajeelchu, Mootiin Waan Maraalle nama jaalatu qajeelcha.
13
Nami qarummaa dhaggatu, ka hubantii qabu ka gammade.
14
Qarummaan meetii caalaa bu'aa qaddi; worqii caalaalle fayyaddi.
15
Qarummaan dooqa gatii guddo'oo caalaa gatii qaddi; waan ati halchitu keessaa ka isi'iin qixxawu hin jiru.
16
Harka isi'ii middicha keessa jiruu dheertu'utti jira; harka isi'ii bitaacha keessa durumma'aa fi ulfinnatti jira.
17
Karaan isi'ii karaa gammadaa ti; daandiin isi'ii daandii nageyaa ti.
18
Isiin worra jabeessee isii qabateef, muka jiru'uu ti; worri jabeessee isii qabate hin gammada.
19
Mootiin Waan Maraa qarummaa ifiitiin lafa dade; hubantii ifiitiin ol-gubbaa jabeessee dhaabe.
20
Beekkumsa isaatiin qileen abbaayotaa gargar dayyaate, duumensille tiifuu tiife.
21
Ilma kiyya, qarumma'aa fi qalbeeffata jabeessii qabadhu; isaan ila teeti duraa hin gorin.
22
Isaan si'iif jiruu, morma keetiifille seesa hin te'an.
23
Achiin duuba ati nageyaan karaa keeti hin deenta; miilli keetille hin gufatu.
24
Yennaa irkattu hin sodaattu; yennaa rattulle hirriibi keeti mi'owaa hin te'a.
25
Yennaa balaan dedhuma worra hamaa irra dhaqqabu, ati hin sodaattu.
26
Mootiin Waan Maraa addii waan sii te'uuf, miila keeti tiyyoo irraa hin eega.
27
Worra wonni dansaan malteef, waan dansaa godhiisaaf adoo dandeettuu, waan dansaan godhiisa hin lakkisin.
28
Adoo harkaa qadduu, «Boru sii kennaatii, deebi'ii koy!» namaan hin jedhin.
29
Nama si addatee si bira tee'u irratti waan hantuu hin yaadin.
30
Adoo nami si hin miidhin, akkasumaan nama hin himatin.
31
Nama hunnaan nama irratti ka'u hin halchin; karaa isaa tokkolle hin filatin.
32
Sababille Mootiin Waan Maraa nama micciiramaa jibba; nama qajeelaa ammoo guddoo jaalata.
33
Mootiin Waan Maraa mana worra hama'aa hin abaara; mana worra balcha'aa ammoo hin eebbisa.
34
Mootiin Waan Maraa worra murgutti hin murga; worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna.
35
Worri qarooleen ulfinna hin dhaggatan; worri gowwooleen ammoo hin salphatan.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31