bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Proverbs 29
Proverbs 29
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 30 →
1
Nami yennaa hedduu xixameen duuba didee mataa jabaatu, cannana fayyuu hin dandeenne dedhuma caba.
2
Balchooti yennaa baallii fudhatanu, kolbaan guddoo gammadi; yennaa nami hamaan bulchu ammoo kolbaan hin aaddi.
3
Nami qarummaa jaalatu, abbaa ifii gammachiisa; nami jaala sagaagaltu'uu te'u ammoo qabeenna ifii bittinneessa.
4
Mootiin haqa muriisaan biyya ifii hin jabeessa; ka safuu fudhatiisaaf joljolu ammoo biyya ifii hin balleessa.
5
Nami afaan calla'aan nama kookkisu, fonxoroo miila ifiititti afa.
6
Nami hamaan cubbuu ifiitiin qabama; nami balchaan ammoo hin faarfata; hin gammadalle'e.
7
Nami balchaan marroo haqa hiyyeessaatiif hin haajama; Nami hamaan ammoo haajaa hin qabu.
8
Namooti namatti murganu qachaa jeeqan; namooti qaroon ammoo aarii qabbaneessan.
9
Nami qaroon nama gowwaa woliin gara seeraa yoo dhaqe, gowwaan sun hin mufata yookiin hin murga; nageennille hin jiraatu.
10
Namooti dhiiga namaa dhangalaasanu, nama dhugaammessa jibban; nama qajeelaa ijjeesuu barbaadan.
11
Nami gowwaan yaada aarii ifii mara dubbata; nami qaroon ammoo ossaan ifi qabataa dubbata.
12
Bulchaan tokko oduu dharaa yoo caqase, qondaaltoti isaa martinuu hamoolee hin te'an.
13
Mootiin Waan Maraa isaan lamaaniifuu ila waan kenneef, hiyyeessii fi ka hiyyeessa cunqursulle tanaan woluma qixxe'e.
14
Mootiin hiyyeessaaf haqaan yoo mure, barcumaan mootummaa isaa bara dheeraa jabaatee hin dhaabbata.
15
Ijoollee xixanee adabuun qarummaa kennitiif; ijoolleen gad lakkifante ammoo haadha ifii qaanessiti.
16
Yennaa worri hamooleen baallii fudhatanu cubbuun hin bacatti; balchooti ammoo jinnana isaanii hin dhaggan.
17
Ijoollee teeti adabi; isaan foora si'iif hin kennan; gadhaa keetille hin gammachiisan.
18
Addee mudhiin hin jirre, kolbaan seera malee teeti; nami seera eegatu ammoo ka gammade.
19
Tajaajilaan afaan calla'aan hin adabatu; inni yoo hubateeyyuu deebii hin kennu.
20
Nama dubbii ariifatu dhaggitaa? Isa caalaa nama gowwa'atti addii qaba.
21
Nami tajaajilaa ifii ijoollummaa isaatii jalqabee qananiisu, dhuma irratti gadda ifitti fida.
22
Nami aarameessi lola kaasa; nami dafee mufatu cubbuu hedduu huja.
23
Nami ol ifi qabu salphinna ifitti fida; nami gad ifi qabu ammoo ulfinna dhaggata.
24
Nami jaala hattu'uu te'u ifi jibba; kakatee dhugaa akka bayuuf hin gaafatama; dhugaa bayiisaaf ammoo inni itti hin gamu.
25
Nama sodaatiis tiyyoo keessa nama seensisa; nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo nageyaan le'a.
26
Namooti hedduun bulchaa duratti fudhatama dhaggatiisa barbaadan. Nami ammoo muraa haqaa Mootii Waan Maraa biraa dhaggata.
27
Nami balchaan nama hamaa jibba; nami hamaalle nama qajeelaa jibba.
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 30 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31