bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Proverbs 30
Proverbs 30
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 31 →
1
Jechi kun jecha Aguurii ilma Yaaqee ti; nami kun Itii'elitti, Itii'elii fi Ukaalitti dubbate,
2
«Ani nama mara caalaa daafana'a; hubantii nami qabu ani hin qabu;
3
ani qarummaa tokkolle hin baranne; ani marroo Waaqa Woyyichaalle womaa hin beeku.
4
Ka gara ol-gubba'aa ol dhaqee gad deebi'ee dhufe eennu? Ka qilleensa harka ifiitiin wolitti qabe eennu? Ka bisaan woyaa ifiitiin mare eennu? Ka qaccee lafaa mara jabeessee dhaabe eennu? Maqaan isaa eennu? Maqaan ilma isaa eennu? Ati yoo beettu teete, natti himi!
5
«Jechi Waaqaa marti dhuga'a; inni worra gara isaa baqate maraaf wonte'e.
6
Jecha isaa irratti hin ede'in; yoo akkas hin te'in inni si xixa; dharaamessalle teetee hin dhagganta» jedhe.
7
«Ee Mootii Waan Maraa, ani waan lama si kadhadha; adoo ani hin du'in waan kana lamaan na hin dhooggatin.
8
Sobaa fi dhara dubbatiisa na irraa fageessi; sagalee guyyuma guyya'aan naa barbaachittu naaf kenni malee, durumma'aa fi hiyyummaalle naa hin kennin.
9
Yoo akkas hin te'in, ani quufee si hin mormadha; ‹Mootiin Waan Maraa eennu inni?› si'iin hin jedha; yookiin hiyyoommadhee, hatee maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa keeti hin salphisa.
10
«Tajaajilaan akka si hin abaarre, atille akka hin rakkanne, marroo tajaajilaa tokkoo goottaa isaatitti isa hin hamatin.
11
Namooti abbaa ifii abaaranu, haadha ifiille ka hin saadanne jiran.
12
Worri qulluu ifi seyanee, ka battummaa ifii irraa hin qulqulloomin hin jiran.
13
Worri ilaalcha kooraa qabanu, ka ila tuffi'iitiin nama ilaalanu,
14
hiyyeessa lafa irraa, rakkataa odduu ilmaan namaatii nyaatanee balleessiisaaf, worri ilkaan isaanii shallaagaa, a'oon isaaniille billowa te'e jiran.
15
«Ulaa'ulti ijoollee durraa ta, ‹Kenni! Kenni!› jedhaa iyyitu lama qaddi; ‹Ijjumaa quufe› ka hin jenne waan saditti jira; ta arfeesso'oolle ijjumaa ‹Na geye› hin jettu:
16
isaanille, addee worri du'e jiru, gadaamessa maseena, lafa bisaan hin quunnee fi ibidda ijjumaa, ‹Na geye› hin jenne.
17
«Nama abbaa ifiititti murguu fi ajaja haadha ifiille tuffatu, harraaqessi gammoojji'ii ila isaa isa keessaa hin fuudha; rumichille isa hin nyaata.
18
«Wonni na baaseffachiisu sad yookiin afur ta hubatiisa hin dandeennetti jiraayyu;
19
isaanille, karaa risa'aa ka gubbaa irraa, karaa bofaa ka rassaa irraa, karaa hobolo'oo ka abbaayaa irraatii fi karaa dhiirtii fi dubartiin wol jaalatanu.
20
«Karaan dubartii gaarayyeeffattu'uu kana: Isiin nyaattee afaan ifii haxowattee, ‹Ani womaa dokonkora hin hunye› jetti.
21
«Latti waan sadiiniin yookiin afuriin tachooti; dandeetteelle hin ba'attu;
22
isaanille, garbichi yennaa mootii te'e, gowwaan yennaa quufe,
23
dubartiin jibbatante yennaa dhirsa dhaggattee fi garbittiin yennaa addee giittii ifii fudhate.
24
«Wonni didiqqoon afur, ka guddoo qaroo te'an biyya lafaa irra jiran:
25
mixaan hunna hin qabu, te'uu malee sagalee ifii bona wolitti qabata;
26
Osoleen hunnaa hin qaddu, te'uu malee odduu rassa'aatitti galti;
27
Awwaannisi mootii hin qabu, te'uu malee akka loltootaa seeraan ideema.
28
Qarcoon harkaan qabamuu dandeetti; te'uu malee mana mootumma'aa keessatti dhagganti.
29
«Wonni ideensa tolanu sad yookiin afur ka arnya ulfinnaa qabanu jiran:
30
Neenqa bineensota mara keessaa jaba'aa, ka waan mara irraa duubatti hin deebine;
31
kormi lukku'uutii fi korbeessi re'e'ee ka bondhooranu, mootii loltoota ifiitiin marfamee ideemu.
32
«Gowwaa teetee, yoo ol ol ifi qadde, yookiin hantuu yoo yaadatte, afaan keeti qabadhu.
33
Akkuma aanan raasiis dhadhaa baasu, akkuma funnaan micciiriis dhiiga baasu, tuttuqanee nama aarsuun lola kaasa» jedhe.
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 31 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31