bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Proverbs 21
Proverbs 21
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 22 →
1
Yaadi mooti'ii harka Mootii Waan Maraa keessa jira; inni akka bisaan yaa'uu gara fedhe isa deebisa.
2
Namatti hujiin inni huju martinuu sirrii isatti fakkaatti; Mootiin Waan Maraa ammoo yaada isaa hin madaala.
3
Balchumma'aa fi haqa hujuun, ciincaa caalaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qaba.
4
Ifi jajiis, bondhooriisii fi hujiin worra hamaaleyyi'ii cubbu'u.
5
Karoorri worra jabaatee hujuu bu'aa buusa; jarjarri ammoo gara hiyyu'uu nama geessa.
6
Karri arraba sobaatiin horatane, akkuma hurrii takkumaan gara gorte dhabanuu tii fi akkuma tiyyoo nama ijjeettuu ti.
7
Namooti hamaaleyyiin waan sirrii te'e hujuu waan jibbanuuf, hunnaan nama irratti ka'iis isaanii haxowee isaan hin baleessa.
8
Karaan worra yakkaa hujuu micciirama'a; karaan worra yakkaa hin qannee ammoo qajeela'a.
9
Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa, roga heellichoo manaa irra le'uu woyya.
10
Nami hamaan waan hantuu halcha; eennulle'eef marartii hin qabu.
11
Nami murgu yennaa adabamu, nami gowwaan qarummaa dhaggata; nama qaroo yennaa barsiisane, beekkumsa dhaggata.
12
Waaqi balchaan, waan mana worra hama'aa keessatti hujamiisatti jiru hin beeka; worra hamaa san badii itti hin fida.
13
Hiyyeessa rakkatee iyyuuf nami hin dhageenne, innille rakkattee yennaa iyyu, nama isa qarqaaru hin dhaggatu.
14
Kennansi dhossa'aan kenname aarii caffachiisa; safuun dhossa'aan harka keessa keyanulle, aarii guddoo hin qabbaneessa.
15
Haqi yennaa hujamu, worra balchoota hin gammachiisa; worra waan hantuu huju ammoo hin bararassa.
16
Nami karaa hubanti'ii irraa goru, yaa'ii worra du'ee keessa bu'a.
17
Nami qananummaa jaalatu hin hiyyoommata; nami daadhii woyni'iitii fi carree jaalatu ijjumaa hin duroommatu.
18
Nami hamaan farra nama balcha'aaf qopheessetti, nami hin addatannelle farra nama qajeela'aaf qopheessetti hin gala.
19
Niitii dubbatittii aartu woliin le'iisa mannaa, goomolee keessa le'iisa woyya.
20
Nami qaroon qabeenna gatii guddo'ootii fi zayitii ejersaa mana ifii keessatti kuufata; nami gowwaan waan qabu mara balleessa.
21
Nami balchumma'aa fi jaalala hordofu, jiruu, balchumma'aa fi ulfinna hin dhaggata.
22
Nami qaroon qachaa worra jajjaba'aa hin qabata; kushee isaan itti addatanulle hin diiga.
23
Nami afaan ifiitii fi arraba ifii eegatu, rakkinna irraa ifi eegata.
24
Nami kooruu fi hunnaan nama irratti ka'u, «Ka namatti murgu» jedhama; inni kooraan guutameera.
25
Harki isaa hujii waan jibbuuf, nami booseyi kajeella'aan du'a.
26
Inni guyyaa guutuu kajeela; nami balchaan ammoo harka keessa adoo hin qabatin kenna.
27
Mootiin Waan Maraa ciincaa nama hama'aa jibba; yennaa nami yaada hama'aan kennu fa'a irraa caalaa jibba.
28
Dhugaa bayi dharaamessaa hin baddi; dhugaa bayi dhugaamessaa ammoo haga bara baraa hin jiraatti.
29
Nami hamaan mataa jabaata; nami qajeelaan ammoo marroo hujii ifii itti yaadata.
30
Qarummaan, hubanti'ii fi karoorri Mootii Waan Maraa ifi irraa dhooggatiisa dandeessittu hin jirtu.
31
Guyyaa lolaatiif farda hin qopheeffatan; ka nama injifachiisu ammoo Mootii Waan Maraa ti.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31