bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Proverbs 26
Proverbs 26
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 27 →
1
Dhakaan roobaa bona keessa, bokkeenni yennaa midhaan galfatanuuf akkuma hin teene, ulfinnille gowwa'aaf hin te'u.
2
Abaarsi akkasumaan nama abaaranu, akkuma sinbirroota koolaan asii fi achi kaatuu ti malee, nama tokkolle hin miidhu.
3
Licheen fardaaf, bixaalli gaange'eef akkuma barbaachisu, uleen dudda gowwa'aatiif hin barbaachitti.
4
Atinuu akka isaa akka hin teene, gowwa'aaf akka gowwummaa isaatitti deebii gowwittii hin deebisin.
5
Nami gowwaan qaroo akka ifi hin seene, akkuma gowwummaa isaatitti deebii isaaf kenni.
6
Nami nama gowwaa ergatu, akka nama miila ifi irraa muree rakkinna ifitti fiduu ti.
7
Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu, akka miila naafatee rarra'uu ti.
8
Nama gowwa'aaf ulfinna kenniis, akka nama looyya'atti dhakaa hidhuu ti.
9
Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu, akka qoree harka nama machowa'aa keessa jirtuu ti.
10
Nami nama gowwaa yookiin nama karaa deemu qaxaru, akka nama daaya akkuma dhagge darbatee nama dhagge madeessuu ti.
11
Sareen diddiga ifiititti akkuma deebitu, gowwaalle gowwummaa ifiititti hin deddeebi'a.
12
Nama qaroo ifi sewu dhaggiteertaa? Isa caalaa gowwa'atti addii qaba.
13
Nami booseyi, «Neenqi karaa keessa jira! Neenqi karaa guddaa keessa jira» jedha.
14
Miilli saanqa'aa iloo keessa akkuma garagaggalu, nami booseyille taqee ifii irra garagaggala.
15
Nami booseyi harka ifii qorii keessa hin keya; garuu gara afaan ifii deebifatiisa guddoo dadhaba.
16
Nami booseyi, namoota torba ka hubanti'iin deebii deebisanu caalaa qaroo ifi seya.
17
Nami akkasumaan dubbii namaa keessa galu, akka nama saree karaa ideentu gurra qabuu ti.
18
Akkuma maraataan umeessaa ibiddaatii fi daaya nama ijjeesu namatti gad lakkisu,
19
nami nama gowwoonsee, «Ani hin taphadhe» jedhulle akkasuma.
20
Qoraan yoo hin jiraatin ibiddi hin dhaama; hamiin yoo hin jiraatin lolli hin hafa.
21
Cileen kashila, muki ibidda akkuma gabbisu, nami dubbii tuttuqu lola kaasa.
22
Jechi hami'ii akka tuuqata mi'owuu ti; gara keessa namaa gad seena.
23
Nami afaan ifiitiin dansaa fakkaatee, gadhaa ifii keessaa yaada hamaa qabu, akka meya faaraa ka meetii itti gonfanee ti.
24
Nami kijibu afaaniin nama sossoba; gadhaa ifiitiin hantuu yaadata.
25
Yaadi hamaan torba waan gadhaa isaa keessa guuteeruuf, yennaa inni afaan laafee dubbatu, isa hin dhugeeffatin.
26
Kijibummaa ifii maltumma'aan dhoffatulle, hammeenni isaa ammoo gumii keessatti diidatti hin baya.
27
Nami boolla namaaf qotu, ifumaafuu keessa hin bu'a. Nami dhakaa namatti konkolaachisulle, dhakaan sun deebi'ee isuma irra hin konkolaata.
28
Arrabi dharaamessi worruma ifiifuu miidhe jibba; afaan sobaan kookkisulle badii namatti fida.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31