bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Proverbs 17
Proverbs 17
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 18 →
1
Mana waan nyaatanuun guutamee, wol dhaba qabuu mannaa, daabboo godduu nageyaa woyya.
2
Tajaajilaan qaroon ilma salphicha irratti bulchaa hin te'a; inni obboleeyyan dhaala qoodantu woliin akka obboleessaa dhaala hin qoodama.
3
Ibiddi worqi'ii fi meetii haga ilaala; Mootiin Waan Maraa ammoo gadhaa namaa haga ilaala.
4
Nami hamaan waan hantuu caqasa; nami dharaamessi dubbii dharaamessaa miidhassee caqasa.
5
Nami worra hiyyeeyyi'itti murgu, ka isaan dade arrassa; nami badii namaatitti gammadu, adoo hin adabamin hin hafu.
6
Ilmaan ilmaan isaanii maanguddootaaf kallacha isaanii ti; worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
7
Dubbiin dansaan nama gowwa'aaf hin teetu; dubbiin dharaa irra caala'aayyuu bulcha'aaf hin teetu.
8
Safuun nama isii kennuuf akka xano'oo ti; addee dhaqanu maratti waan isaaf milkoottu itti fakkaatti.
9
Nami yakkaa namaaf araaramu, jaala qabaata. Nami dubbii dabartetti deddeebi'u ammoo jaalota gargar baasa.
10
Gowwaan yennaa dhibba dhaanamee ka itti dhage'amu caalaa, xixichi tokko nama qaroo itti dhage'ama.
11
Nami hamaan nama irratti ka'iisa qofa barbaada; isa loliisaaf ergamaan marartii hin qanne tokko hin ergama.
12
Nama gowwaa gowwummaa ifii keessa jirutti dhaqiisa mannaa, doobbaa dhalaa ilmeen jalaa fudhatantetti dhaquu woyya.
13
Nami waan dansaa isaaf godhaneef, waan hantuu yoo deebise, wonni hantuun mana isaa irraa hin fagaattu.
14
Lola jalqabiis akka bisaan hidha qabame cassee yaa'uu ti; tanaaf ati adoo dubbiin hin jalqabin qabbaneessi.
15
Nama yakkaamessa bilisa baasiisaa fi nama balcha'atti muriisa, lamaanuu Mootiin Waan Maraa hin jibba.
16
Gowwaan qarummaa dhaggatiisaaf eega hin halchinee, beeseen inni harka ifiitii qabu maan isaaf gooti ree?
17
Jaalli yennaa mara si jaalata; obboleessille yennaa rakko'ootiif dhalata.
18
Nami qalbii hin qanne tokko wolii galtee jabeessiisaaf, namaan harka wol dhowata; ollaa ifiitiifille wobii dabara.
19
Nami lola jaalatu cubbuu jaalata; nami ifi jaju badii ifitti waama.
20
Nama yaada micciiramaa qabuuf hin milkoottu; nami nama sobulle rakkoo keessa seena.
21
Ilma gowwaa uumatuun gadda namatti fida; abbaan ilma gowwa'aa gammada hin qabu.
22
Gadhaan gammadu akka qorsa dansa'aa ti; yaadi cabaan ammoo lafee goggossa.
23
Nami hamaan haqa dassiisaaf, dhossa'aan safuu fudhata.
24
Ilti nama qaro'oo gara qarumma'aa ilaalti; ilti nama gowwa'aa ammoo gara mara joonjiti.
25
Ilmi gowwaan gadda abbaa ifiititti fida; haadha isa deettelle jiruu itti hadheessa.
26
Nama yakkaa hin qanne adabuun, yookiin qondaaltota qajeelummaa isaaniitiif dhaanuun dansa'aa moti.
27
Nami beekaan dubbii qusata; nami hubataalle hin sarma.
28
Gowwaanuu yoo cadhise qaroo fakkaata; afaan ifiille yoo qabate akka hubata'aatitti ilaallama.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31