bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Hebrews 1
Hebrews 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
1
Durii Waaqii marroo hedduu fi akka hedduun afaan raagootaatiin abaaboota teennatti dubbate,
2
amma ammoo, bara eegee kana keessa, la ilma isaatiin nutti dubbate. Waaqii waan gubbaa jiraa cufa isaan uume akka gaafa muummee innii waan cufa dhaalu, isa foohate.
3
Ibseen guddinna Waaqaa isa irraa ibsiiti akkuma Waaqii jiru inniilleen jira, dubbii isaa ta jabeenna qabduun waan uumame cufa inbaata yokaan olqaban. Innii eegii cubbuu nama irraa qulqulleesse, guddinna Waaqaa ka gara mirgaa gubbaa taa'e.
4
Akkuma maqaan Waaqii isaa kenne maqaa ergamtoota Waaqaa irra jiru inniilleen ergamtoota irra jira.
5
Waaqii yoom takka ergamtoota gubbaa tokkolleen, “Atin ilma kiyya; anin ardha laayyuu si dhalee” yokaan eenuun, “Anin abbaa isaa ta'ee, innii ilma naa ta'e” jedhe?
6
Waaqii ammallee gaafa ilma isaa angafa waan cufaa lafaan dhufee, “Ergamtootii Waaqaa cuftii ha isaa sagadduu” jedhe.
7
Waaqii waan ergamtoota gubbaa dubbatee, “Waaqii ergamtoota ufii qilleensaa, hojjattoota ufii ammoo bobaa ibiddaa tolcha” jedhe.
8
Waaqii Waan Ilmaa dubbatee ammoo, “Ee Waaqaa barcumaan kee ka guddinnaa haga jiruu jirennaa, bokkuun atin namaan bulchitu qajeeluma,
9
Atin qajeeluma jaalateetti dhara jibbita. Tanaaf Waaqii kee si foohatee, gammada guddinnaa ka waheela kankee irra jiru sii kenne” jedhe.
10
Ammallee innii, “Aabboo, atin gaafa qaraa lafa uumteetti, gubbaa Waaqaallee cufa harka keetiin midhaassite.
11
Warrii inbada, atin ammoo inhafta. Jarii cuftii akka wayaa jaara;
12
atin akka ubbaaraa warra wal irra dachaafta, warriilleen akka wayaa jijjiirama. Atin ammoo haguma jirtu hinjaartuu kaanuma” jedhe.
13
Waaqii takka ergamtoota ufii tokkolleen “Kootti, harka kiyya ka mirgaa taa'i, haga anin nyaapha kankee barcumaa miila keetii jala galchuutti” hinjenne.
14
Ergamtootii gubbaa maan ree? Warrii Hafuura Waaqaa hojjatu, ammallee isatti warra baafama argatu qarqaaruuf warra erga.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13